Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojjetamaa jira – Mootummaa

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.
Tibba kana Finfinneefi Dirre Dhawaatti kan eegalame kallattiin omishtootaafi shamattoota walqunnamsiisuu naannolee hundaatti akka ittifufuu hojjetamaa jiraachuu Ministir de’eetaan Ministeerichaa Obbo Hasan Mahaammad FBCtti himaniiru.
Kanaanis uwwisa hojmaataa qopheessuun faddaaltoota sirnicha keessaa baasuuf hojiin eegalamuu himaniiru.
Haala omishaa dabaluufi gurgurtaa seeraan alaa to’achuun koree hundeessuun tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himaniiru.
Hojiin koricha inni jalqabaas qaala’insa jireenya to’achuudha jedhaniiru.
Daldaltoota seeraan alaa kuma 82rrati tarkaanfii fudhatamuun qarshii miiliyoona torbaa ol kallattiin akka kaffalaan taasifameera jedhan.
Meeshalee bu’uuraatiin qaala’insa jireenya tasgabbeessuuf zayitni nyaataa, qamadiin, shukkaarri alaa galuu itti fufeera kan jedhan Obbo Hasan, qamadiin kuntaalli miiliyoonni afuriifi zayinni leetira miiliyoona 10 ol bitamuun naannoleef raabsuun eegalameera jedhan.
Maddi: Bariisaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
