Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Beeksisa Waamichaa Filannoo Kaadhimamtoota Barsiisota bara 2015 Koolleejjii Barnoota Barsiisotaatti Leenji’anii
Ebla, 26/2015
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota kutaa 12ffaa xumuran keessaa dorgomsiisee filachuun Kolleejjii Barnoota Barsiistotaa 13 keessatti leenjii ogummaa barsiisummaa sagantaa sartifikeetii, diploomaafi digiriidhaan leenjisuu barbaada waan ta’eef;
Ulaagaa Fo’annoofi Filannoo Kaadhimamtoota Barsiisota bara 2015 Sagantaa Sartifikeetii, Diploomaafi Digirii jalqabaaf barbaachisan Akkaataa armaan gadiin dhiyaateera waan ta’eef ulaagaa
Fo’annoofi Filannoo sadarkaa sadarkaan jiru ilaalatanii bakka isin simatutti galmaa’uu dandeessu.
Beeksisni kun guyyaa 26-29/08/2015tti karaa Tv.OBN waan darbuuf akka hordoftan beeksisaa ulaagichi akka armaan gadiitti dhiyaateera
Ulaagaaleen Fo’annoofi Filannoo kaadhimamtoota barsiisota sadarkaa tokkoffaan duraa:
Sadarkaa seertifikeettiifi Diploomaan leenjisuuf
Akkasumas, kaadhimamtoota barsiisota sadarkaa tokkoffaafi giddugaleessaaf:
Sadarkaa diploomaafi digiriijalqabaan leenjisuuf qajeelfamicha keessatti ulaagaaleen fo’annoo adda adda akka ta’aniif bakki barbaachisu ifatti akka barreeffaman ta’aniiru.
4.1. Fo’annoo
Filannoon kaadhimamtoota barsiistotaa marsaa lamatti kan qoodamu yoo ta’u marsaan jalqabaa galmeessuu ta’ee marsaan lammaffaan immoo fo’annoo ta’a.
4.2. Ulaagaa Galmee
Leenjii barsiisummaa sadarakaa tokkoffaan duraafi sadarkaa tokkoffaaf dorgomtoonni kaadhimamtoota barsiistotaa galmaa’an ulaagaalee armaan gadiitti tarreeffaman guutanii argamuutu irraa eegama.
4.3. Ragaa Barnootaa
A) Dorgomtoonni leenjii ogummaa barsiisummaaf dorgomuu barbaadan ragaa barnootaa tiraaniskiriiptii sadarkaa lammaffaa (kutaa 9-12ffaa) mallattoo dura bu’aa mana barumsaafi ogeessa rikardii chaappaan mirkanaa’e, qabxii kutaa 8ffaa fi sartifikeetii kutaa 12ffaa ittiin xumuran orjinaalaafi koppii qabatanii dhihaachuu qabu.
B) Dorgomtoonni tiraaniskiriptii kutaa 9-12 qabxii giddu galeessaan %50 fi ol qabaachuu qabu
C) Dorgomtoonni barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa sagantaa sartifikeetiin (12+1) ogummaa barsiisummaa leenji’uuf iyyannoo dhiheeffatan kutaa 12ffaa xumuranii qorumsa seensaa Yuunivarsiitii fudhatanii:
Saayinsii Uumamaa sagantaa idileefi galgalaa dhiirafi dubaraan 180fi ol, naannoo horsiisee bulaatiif dhiiraafi dubaraan 170fi ol;
Saayinsii hawaasaatiin sagantaa idileefi galagalaa dhiiraafi dubaraan 160fi ol, Naannoo horsiisee bulaa dhiiraafi dubaraan 150fi ol,
D) Kaadhimamtoonni barsiisotaa sagantaa sartifikeetiif filataman keessaa dubartoonni ulaagaa murtaa’e guutan kootaa kenname kan guutan yoo ta’e dursii kennameefii walii isaanii waliin wal dorgomanii kanneen darban leenjii galu. Haata’u malee yeroo dorgommii dubartoonni ulaagaa guutan kan hinjirre yoo ta’e dhiira keessaa kanneen ulaagaa guutan dorgomanii akka leenjii galan taasifamu;
E) Sagantaa leenjii sartifikeetiifi diploomaan kaadhimamtoonni dorgommiif dhiyaatan ulaagaa murtaa’e qabaachuun filannoof dhiyaatan qajeelfama fo’annoofi filannoo kaadhimamtoota barsiisotaa kanaan dura ministeera barnootaatiin qophaa’ee ergame bu’uura godhachuun kan hojiirra oolu ta’a.
F) Dorgomtoonni sagantaa diploomaatiin (12+2) ogummaa barsiisummaa leenji’uuf iyyannoo dhiheeffatan kutaa 12ffaa xumuranii qorumsa seensaa Yuunivarsiitii bara kana fudhatanii:
Saayinsii uumamatiin sagantaa idileefi galgalaan dhiira 210fi ol, dub. 192fi ol, naannoo horsiisee bulaatiif dhi. 184fi ol dub, 183fi ol; Qaama miidhamtoota dhiiraafi dubaraan 171fi ol;
Saayinsii Hawaasaatiin sagantaa idileefi galgalaa dhi. 185fi ol, dub 168fi ol, naannoo horsiisee bulaa dhi. 162fi ol, dub, 161fi ol, qaama miidhamtoota dhiiraafi dubaraan 141fi ol ta’a.
G) Dorgommii sagantaa diploomaa barattoota dhuunfaa ilaachisee:
Saayinsii Umaamaa yookaan saayinsii hawaasaa dorgommii kaadhimamtoota barsiisotaaf kanneen dhiyaatan (koorniyaa lamaniin) bara 2013 fi 2014 qabxii waggaa lamaa qaban hundi walitti aansuun ida’amee giddu galeessaan qabxii 280 fi ol kanneen qaban dorgommiif dhiyaachuu danda’u,
Barattoonni dhuunfaa bu’aa qabxii qorumsa biyyaalessaa bara 2014 qofaan kan dorgoman yoo ta’e qabxii 220 fi ol kanneen fidan dorgommiif dhiyaachuu danda’u,
Dorgomtoonni kamiyyuu bu’aa qabxii qorumsa biyyoolessaa bara 2013 qofaan kan dorgoman yoo ta’e qabxii 350 fi ol kanneen fidan dorgomuu danda’u,
H) Afaan Ingiliziifi Herrega ilaalchisee
Herrega fi Afaan Ingilizii bu’aa qabxii traansikiriiptii 9-12 50%fi ol
Dorgomtoota dhuunfaa bara 2013fi 2014 xumuraniif herregaafi A/Ingilizii bu’aa qabxii qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa 50%fi ol ta’uu qaba.
I) Bara dorgommichi gaggeeffamuufi waggaa lama gara boodaatti deebi’uun walitti aananii jiran dabalatee ulaagaa filannoo kanneen guutan dorgomuu nidanda’u.
J) Barattoonni bara 2013 qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuun kaadhimamaa ogummaa barsiisummaatti dorgomuu barbaadan dorgommiin qabxii simannaa sagantaa digirii jalqabaa bara 2014 kolleejjii barnoota barsiisotaaf murtaa’ee ergameen filatamanii leenjii kan galan ta’u;
K) Qabxiin simannaa kun dorgommii sagantaa digirii jalqabaa kaadhimamtoota barsiisotaa marsaa 1ffaaf kan dhiyaatan yoo ta’u filannoo isa dhumaaf immoo qajeelfama fo’annoofi filannoo kaadhimamtoota barsiisotaa yeroo ce’umsaa jedhamee duraan hojiirra oolaa ture irratti hundaa’uun ulaagaaleen filannoo kan hojiirra oolan ta’u;
L) Duratti kolleejjiin barnoota barsiisotaa sagantaa digirii jalqabaa barnootaa sadarkaa 1ffaaf leenjii eegalan bara baajetaa qabame kana keessatti kaadhimamtoota barsiisotaa sagantaa digirii jalqabaan kutaa 7fi 8f simatanii leenjisuu yoo barbaadan qabxiin simannaa waggaa kanaa qabxii seensaa barnootaa olaanaaf jedhamee bara kana murtaa’een (50%fi ol) kan hojiirra oolu ta’a
4.4. Umurii
A) Iyyattoonni barsiisummaa sadarkaa tokkoffaan duraatiif dorgoman waggaan/ umriin isaanii 17-34 ta’uu qaba.
B) Iyyattoonni barsiisummaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa giddu-galeessaaf dorgoman waggaan/ umriin isaanii 17-40 ta’uu qaba.
C) Umriin dorgomtootaa kan murtaa’u sartifikeetii dhalootaa yookaan umrii sartifikeetii qabxii qormaataa kutaa 8ffaa irra jiruun ta’a.
4.5. Fayyummaafi Gahumsa Qaamaa
A) Iyyattoonni dhibee sammuu mana yaalaa beekamaa ta’een kan mirkanaa’e qaban ogummaa barsiisummaatiif akka dorgoman hin eeyyamamu.
B) Kadhimamtoonni dorgomtoonni kan akka dhibee sombaa yookaan yeroo dheeraaf kan turaniifi dhibee afuuraan darban irraa bilisa ta’uu isaanii kan mirkaneessu ragaa mana yaalaa irraa dhiyeeffachuu qabu.
C) Barnoonni sadarkaa tokkoffaan duraa bifa taphaatiin kan kennamu waan ta’eef barsiisonni socho’uun fedhii daa’imanii qooddachuun yookaan adda baafachuun kan barsiisan ta’uun hubatamee sadarkaa barsiisummaa kanaaf kaadhimamtoonni dorgoman fayyaalessa guutuu ta’uu qabu.
D) Barattoota gurraan dhaga’uu hindandeenyye dorgommiif dhiyaataniin alatti dandeettii afaaniin waliigaluun walqabatee kaadhimamtoonni barsiisotaa sadarkaa tokkoffaa duraaf, sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa giddu-galeessaaf dorgoman ginga’uufi cabaquurraa bilisa kan ta’an ta’uu qabu.
E) Dorgomtoonni barsiisummaa guddinaafi jabeenya qaamaaf dorgoman harkiifi miilli isaanii lamaanuu sirriitti kan hojjetan, hanqina rakkoo sosochii qaamaa kan hin qabneefi kan hin gatanttarre ta’uu qabu.
F) Barattoonni qaro dhabeeyyii Kaadhimamaa barsiisummaa kutaa 1-6f dorgoman gosa barnoota Afaaniifi safuu irratti dorgumuu nidanda’u.
G) Dorgomtoonni rakkoo gurraan dhageetti qaban ulaagaa barbaachisoo ta’an kan guutan yoo ta’e dorgommiif dhiyaachuu danda’u.
4.6. Naamusaa Fedhii Ogummaa Barsiisummaaf Qaban
A) Naamusaafi amalaan fakkeenya ta’uu kan danda’an, kanaafis naannoo jiraatan yookaan mana barumsaa itti baratan irraa ragaa barreeffamaa kan dhiyeeffatan;
B) Ogummaa barsiisummaan tajaajiluuf fedhii guutuu kan qaban;
C) Afaan Oromoo sirriitti dhaga’uu, dubbachuu, dubbisuufi barreessuu kan danda’an, akkasumas kabajan;
D) Sagantaa barnootaa Afaan Amaaraatiin kennamu irratti dorgomuu kan barbaadaniif Afaan Oromoofi Afaan Amaaraa sirriitti dhaga’uu, dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu kan danda’an;
E) Iddoo barbaadamanitti (Gamoojjii, Baddaa, Baadiyyaa, magaalaafi kkf.) ramadamanii tajaajiluuf kaka’umsaafi fedhii kan qaban;
F) Aadaafi duudhaa hawaasa naannoo itti ramadamanii kan kabajan, ofii isaanii hawaasicha wajjin walbarsiisuufi waliigalteen hojjechuuf fedhii kan qaban;
5.1. Adeemsa Galmee Iyyattootaa
Adeemsi galmee ragaalee iyyattoonni dhiheeffatan sirriifi guutuu ta’uu isaa qaama galmee gaggeessuun kan mirkanaa’ee ta’uun akkuma jirutti ta’ee
A. Galmeen kan gaggeeffamu iyyattoonni ulaagaalee keewwata 4 jalatti tarreeffama kan guute qofaadha,
B. Dorgomtoonni ogummaa barsiisummaa barnoota sadarkaa tokkoffaan duraafi sadarkaa tokkoffaa iddoo galmee naannoo isaaniitti qophaa’e qaamaan argamuun yokaan karaa bakka bu’aa seera qabeessaatin galmaa’uu danda’u,
C. Iyyattoonni barnoota sadarkaa tokkoffaaf dorgoman waraqaa foormii sadii qophaa’e irratti gosa barnootaa barachuu barbaadan sadii kolleejjii irratti dorgomaniif kenname walduraa duubaan guutuun, akkasumas foormicha irratti gosa barnootaa walduraa duubaan guutan kan isaanii ta’uu mallattoon mirkaneessuu qabu.
6.1. Dhimmoota Yeroo Fo’annoo Yaada Keessa Galuu Qaban
A. Hirmaannaa dubartootaa jajjabeessuufi dubartoota barachaa jiraniif fakeenya akka ta’aniif barsiisummaa barnoota sadarkaa tokkoffaaf dorgoman keessaa gaheen dubartootaa %30 ta’uu qaba; kunis kootaa kenname keessaa %70 dubartoonni warra dhiiraa waliin erga dorgomanii booda %30 hafe immoo dubartoonni qofti walii isaaniin akka dorgoman taasifama jechuudha.
B. Deeggersa eeyyantaa yeroo tokko caalaa fayyadamuun hindanda’amu. Fakeenyaaf, dubartiin qaama miidhamtuu tokko yeroo dorgommi deggersi eeyyantaa kennamuuf qaama miidhamaaf kan eeyyamame qabxii %4 qofa ta’a.
C. Deggersi eeyyantaa dorgomtootaaf kennamu dorgomtoota biroo waliin qabxii walqaixa ta’e yoo fidan kanneen deggersa barbaadaniif dursi kennameefi filatamu;
D. Deggersi eeyyantaa qaama miidhamaa dhiiraafi dubaraa qabxii walqixaa yoo fidan dubara qaama miidhamtuu taateef dursi kennameefii filatamti.
E. Dorgomtoota naannolee horsiisee bulaa deggersa addaa barbaadan seeraan adda bahanitti argaman yeroo dorgommii qabxii dorgommii waliigalaa argatanirratti %3 ida’amee qabamaaf, fakeenyaaf dorgomtoota naannoo horsiisee bulaa jiran keessa dorgomanii 100 keessaa 85 yoo argatan deggersa eeyyantaa %3 irratti ida’ama jechuun 85*3/100=2.55 qabxii argatinnirratti ida’amee (85+2.55)= 87.55 ta’a jechuudha.
F. Dorgomtoonni dubaraafi dhiiraa qabxii walqixaa yoo fidan carraa dursaa dorgomtuu dubaraaf kennama;
G. Dorgomtoonni qaama miidhamtoota ta’an kanneen qaama miidhamtoota hintaane waliin qabxii walqixaa yoo fidan carraan dursa qaama miidhamtootaaf kennama;
H. Dorgomtuun dubartii tokko ulfa taatee ulaagaa barbaachisu yoo guutte kaadhimamaa barsiisaaf dorgomuu nidandeessi. Garuu leenjii itti fuftee xumuruu waan hindandeenyeef bara barnootaa itti aanutti dorgommii malee iddoofi baajenni qabameefi akka leenjitu taasifama.
7.1. Fo’annoo
A. Galmeen iyyattootaa yeroo qabame keessaatti erga xumurameen booda adeemsi itti aanee dhufu fo’annoo gaggeessuu yoo ta’u ulaagaaleen fo’annoof tajaajilan tiraansikiriptiifi qabxii qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa ta’uu beekuudha.
B. Iyyattoota dorgomsiisuun gara marsaa 2ffaatti (filannootti) dabarsuuf qabxii 100% yoo ta’u qabxiin qorumsa kuta 12ffaa akkaataa qabxii keeyyata 6 jalatti ibsameen yoo ta’u qabxiin traansikiriptii kutaa 9-12 giddu galeessaan 50% ta’uu qaba. Haalli raawwii isaa immoo dablee qajeelfama kanaan walitti hidhamee jiruun kan hojiirra oolu ta’a;
C. Fo’annoon dorgomtootaa erga xumurameen booda foormiin galmeefi ragaaleen barbaachisoo ta’an qindaa’anii filannoo akka gaggeeffamuuf Kolleejjii barnoota barsiisotaaf ergama.
8.1. Filannoo
Filannoon dorgomtoota adeemsa fo’annoo keessa darbanii adeemsa leenjii galuu yoo ta’u ulaagaleen filannoo qorumsa seensaafi qabxii hirmaannaa gumiiwwanii ta’a. Qorumsi seensaa madaallii qorumsa barreeffamaa, gaaffiii qomaa, sakatta’insa fedhiifi barreeffama harkaan kan murtaa’u ta’a. Qorumsi seensaa kan qophaa’u qindeessummaa Biiroo barnootaatiin barsiisota kolleejjii barnoota barsiisotaa filatamaniin ta’a.
9.1. Qabxii Ulaagaalee Filannoof kennaman
A. Qorumsa barreeffamaaf – 60%
B. Dandeettii harkaan barreessuu -10 %
C. Madaallii fedhiifi kutannoof – 10%
D. Af-Gaaffii -15%
E. Hirmaannaa gumiiwwanii – 3%, hirmaannaa barnoota ga’eessotaa 2%
Dorgomtoonni qorumsa barreeffamaa, fedhiifi kutannoo, akkasumas dandeettii harkaan barreessuu yeroo tokkotti qoramanii akka bahan taasifama. Dorgomtoonni gaaffii qomaatti dhiyaachuuf qorumsa barreeffamaa kenname 50% fi ol galmeessuuti irraa eegama.
A. Qormaata barreeffamaa
Kaayyoon qormaata barreeffamaa Afaan Oromoo, Herreegaan, Afaan Ingiliziitiin, barnoota lammuummaatiin, Naamuusaan akkasumas dandeettii waliigalaan gahumsa iyyattootaa safaruudhaaf/sakatta’uuf ta’a.
Gaaffilee qorumsa barreeffamaa qabxiilee qabachuu qaban umka armaan gadii keessatti dhiyaataniiru
Lkk Gosa barnootaa qorumsi barreeffamaa qabachuu qabu Baayyina Gaaffilee
1 Herrega 15
2 Afaan oromoo 15
3 Afaan Ingilizii 15
4 Barnoota Safuufi Lammummaa 10
5 Beekumsa waliigalaa (Apptitude) 5
Ida’ama 60
B. Dandeettii Harkaan Barreessuu
Kaayyoon madaallii dandeettii harkaan barreessuu; dandeetti boca qubee safaruufi kaayyoon danddeettiin barreessa jechoota Afaan Oromoo immoo jechoota Afaan Oromoo seera Afaan Oromoo eeganii barreessuu danda’uudha. Qormaatichis kan qophaa’u, qindeessummaa biiroo barnootaa Oromiyaaatiin barsiisota kolleejjii barnoota barsiisotaatiin ta’ee qormaata bareeffamaa waliin kan qophaa’u ta’a.
C. Safartuu Fedhiifi Kutannoo
Kaayyoon safartuu fedhiifi kutannoo dorgomtoonni fedhii ogummaa barsiisummaa qabaniifi barattoota deggeruuf kutannoo qaban safaruudha. Qorumsi ogeeyyii muuxannoo qabaniin barreeffamaan kan qophaa’uu yoo ta’u qormsi qophaa’uu qabu dorgomtoonni gara fuula duraatti hojii isaaniirratti yeroo bobba’an itti gaafatamummaa isaanirraa eegamu naamusa hojiifi kutannoo qaban yaada keessa galchuun ta’a.
D. Af-gaaffii
Kaayyoon af-gaaffii dandeettii yaadaafi waliin dubbii dorgomtootaa hubachuu, amalaafi naannoo ofii dafanii hubachuu, ofitti amanuu, dubartootaafi barattoota fedhii adda qaban hubachuufi barumsichi haala kamiin hojiitti jijjiiramuu akka qabu hubannoo dorgomtootaa haala safaruu danda’uun qophaa’uu qaba. Af-gaaffiin kan raawwatamu afaan leenjiin kolleejjii barnoota barsiisotaa keessatti ittiin kennamuun ta’a.
E. Hirmaannaa Gumiiwwaniifi barnoota ga’eessotaa
Qabxiin waliigalaa hirmaannaa gumiiwwaniif kennamu 3% yoo ta’u hirmaannaan barnoota ga’eessotaa immoo 2% ta’a.
Dorgommii Gaarii!!
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w