Oromiyaa Keessatti Humnoota hidhatan waliin nageenya buusuuf mootummaan koree hundessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Mariin Waraana Bilisummaa Oromoo (Akka waamicha Mootummatti Shanee) waliin taasifamuu adeemsarra jiruu fi mootummaan koree hundessuun hojjechaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad himan. Hidhattoota biyyatti keessa socho’an waliin haala nagaan buusuun danda’amurratti gaaffilee miseensotaa Mana Maree Bakka Bu’oota ummataarraa ka’aniif deebii kennaniin nageenyaa mirkaneessuuf hidhattootaa biyyatti keessa socho’an waliin marii gaggeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Walitti bu’iinsi nagaan akka furamuuf mootumman fedhii olaanaa qabaachuu kan kaasan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, hidhattootaa waliin mari’achuuf koreen hundaa’ee adeemsarra jiraachuu duabbataniiru. Hidhattootaa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Qimaanti waliin adeemsa eegalameen bu’aa fooyya’aan argamuu kaasaniiru. Waamichi nageenyaa mootummaan naannoo Oromiyaa hidhattootaa naannicha keessa socho’aniif dhiyeessee kallattiin mootummaa fi paartiin kaa’een kan taasifamee ta’uu yaadachiisaniiru.
Humni hidhatee kun bittinaa’aa ta’uun adeemsicha harkifachiisuus baatiiwwan lamaan darban keessa yaalii taasifamee jiraachuu himaniiru. Walitti bu’iinsa jiruu hundaa mariin furuuf mootummaan ejjennoo jabaa akka qabu kaasniiru. Humnoonni hidhatanis garaa marii fi nageenyaatti akka dhufan dhaamaniiru.
Maddi: FBC
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
