Tue. Apr 30th, 2024

“Hojii Mootummaan Nageenya Waaraa Fiduuf Taasisu, Haawaasni Tumsuu Qaba”- Obbo Shimallis Abdiisaa, PMNO

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Jilli Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Qellem Wallaggaatti kutaalee hawaasaa garaa garaa waliin mari’ate.

Waltajjii kana irratti hoggantoonn Mootummaa sadarkaa naannoo, qondaaltoonni waraanaa, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa, jaarsolii biyyaafi qaamoleen hawaasaa garaa garaa hirmaataniiru.

Waltajjii marichaa irratti rakkoo nageenyaatiin miidhaan gahuu, Ummanni buqqaatiifi saamicha qabeenyaaf saxilaamee waan jiruuf, Mootummaan furmaata kaa’u qaba jedhan jirattoonni.

Bu’uuraaleen misoomaa daandii Asfaaltii Caanqaa- Gidamiifi DambiiDoolloo-Doollaa

karoorfamee osoo hin rawwaatiin hafe,rakkoo addaan ciccituu humna ibsaafi hanqinni dhiyeessii qorichaafi ogeessaa yaalaa dabalatee, rakkoon hojii dhabdummaa bal’aan waan jiruuf, hiikamuufi akka qabus hirmattoonni kaasaniiru.

Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmessaa, Godinni Qellem Wallaggaa godina misoomaaf haala mijaata qabdu waan ta’eef, daandii badhaadhinaa qabame jiru dhugoomsuuf ineeshetiviwwaan misoomaa akka biyyatti bahe hojirraa oolchuun guddina hawaas- diinaagdee jiraattoota ishee dhugoomsuf hojjeetama jira jedhan.

Haa ta’u malee, rakkoo nageenyaan wal qabate bu’uuraaleen misoomaa karoorfamanii osoo hin rawwaatiin hafan rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aanii waan jiraaniif xiyeeffannoo barbaadu jedhan.

Maree kanaa irrattiis gabaasni karaa itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Gidina Qellem Wallaggaa Obbo Badhaasaa Dhaabaatiin dhiyaate, Nageenya waaraa fiduun fayyaadamummaa Ummataafi nageenya mirkanessuufi misoomaa itti fufiinsa qabu dhugoomsuuf, xiyeeffannoon hojjeetamaa turuus, ammallee gurmaa’iinsa mootummaafi ummataa cimsuun badhaadhina waloof hijjetamu akka qabu himan.

Gaaffilee Nageenyaan walqabatee hirmaattotarra ka’aaniif deebii kan kennan Pireezedantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalliis Abdiisaa, nageenya waaraa fiduuf mootummaan hojjetaa jira; hawaasniis milka’iina isaaf tumsuu qaba jedhan.

Rakkoo bu’uuralee misoomaa sabaaba rakkoo nageenyaatiin adda citan dabalatee, gaffilee ummataa kan ta’aan misooma bu’uuraalee hundu walduraa duubaan deebii ni argaatus jedhan pireezedaanti Shimallis.

Kaayyoon Paartii Badhaadhinaa, badhaadhina waloo fiduu waan ta’eef, nageenya mirkaneessuuf mareefi nagaan xumuruuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjennoo guddaa qaba. Kanaafis qophiidha jedhan Itti Gaafatamaan Wajjiraa Paartii.

Maddi: Oromia President Office

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply