Tue. Apr 30th, 2024

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Waggaa 30ffaan Dhaabbata Tola Ooltummaa Guddinaa Tumsaa Bitootessa 28-30 bara 2015tti kabajama.

Waggaa 30ffaan hundeeffama Dhaabbata Tola Ooltummaa Guddinaa Tumsaa (Guddina Tumsa Foundation-‘GTF’) Bitootessa 28-30 bara 2015tti sagantaalee gara garaatiin Finfinnee, Paarkii Michummaatti (Friendship Park)tti kan kabajamu ta’uudha Daariktarri dhaabbatichaa Aadde Leensaa Guddinaa ibsan.

Aadde Leensaan ibsa har’a miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, dhaabbatichi mul’ata Luba Guddinaa Tumsaa ittifufsiisuuf ALA bara 1992 kan hundaa’e yoo ta’u, waggoota 30 darbaniif Itoophiyaa keessatti hojiilee misoomaafi tola ooltummaa guguddoo mul’ata Luba Guddinaa dhugoomsan hedduu raawwateera.

Kabaja waggaa 30ffaa dhaabbatichaarratti hojiileen inni waggoota 30 darban keessa kutaalee biyyattii adda addaatti raawwate agarsiisaaf dhiyaachuun dhaloonni har’aa akka irraa baratu ni taasifama. Saganticharratti mariin paanaalii, agarsiifni uffannaa aadaafi fiilmiin dookmantarii imala waldichaa waggoota 30 agarsiisu kan dhiyaatan ta’uus himaniiru.

Waldichi daa’imman dubartootaafi dargaggoota fayyadamoo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus himanii, daa’imman carraa barumsaafi soorata akka argatan taasisuu, humna dinagdee dubartootaa cimsuufi dargaggoonni ammoo carraa hojii akka ummatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Dhaloonni carraa barnootaa akka argatu taasisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Kanarraa ka’uun naannoo Oromiyaa, Affaar, Somaalee, Amaaraafi Kibbaatti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa ijaaree lammiileen hedduun carraa barnootaa akka argatan taasiseera jedhu.

Dhaabbatichi waggoota 20 oliif Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti hojiilee barnoota, eegumsa naannawaa, fayyaa beelladootaafi tajaajila liqiifi qusannaa taasisaa tureen keessumaa hawaasni Karrayyuu daran fayyadameera jedhan Aadde Leensaan.

Sagantaa waggaa 30ffaa Dhaabbata Tola Ooltummaa Guddinaa Tumsaa sababeeffachuun Kamisa iftaaniirraa kaasee guyyoota sadiif Paarkii Michoominaatti adeemsifamurratti waldaaleen siivikii, hoggantoonni mootummaa, keessummoonniifi dargaggoonni kan argaman ta’uu himanii, keessumaa dargaggoonni mul’ata Luba Guddinaafi hojiilee dhaabbatichi waggoota darban keessa raawwaterraa waan hedduu waan barataniif saganticharratti bal’inaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Qindeessaa dhaabbatichaa Kooluu Katamaa gamasaatiin akka jedhutti, sagantaa guddaa qophaa’e kanarratti mul’anniifi hojiileen Luba Guddinaafi dhaabbatichaa bal’inaan ni dhiyaatu. Sagantichi marii paanaaliifi agarsiisawwan gara garaatiin deggeramee kan adeemsifamu ta’a.

Qindeessituun sagantichaa Lattuu Xilahuun akka jettutti, sagantichi haala kanaan qophaa’uun dhaloonni har’aa mul’ata Luba Guddinaafi hojiilee dhaabbatichi mul’atasaanii galmaan ga’uuf raawwachaa tureefi jiru hubachuun ani ammoo har’a biyyaafi ummata koof bu’aa maaliin buusaa jira jedhee akka of gaafatu, kaka’umsa horatuu taasisuuf kan gargaaru ta’uus eerteetti.
Natsaannat Taaddasaatiin

Maddi: Gaazexaa Bariisaa

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply