Israa’eel Somaaliilaanditti mooraa waraanaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsite
Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Israa’eel Somaaliilaanditti Mooraa Waraanaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsuu miidiyaaleen garaagaraa gabaasan.
Haleellaa Finciltoonni Hawutii Galaana Diimarratti raawwatanii fi yakkoota naannawichatti raawwataman qolachuuf Israa’eel Mooraa Waraanaa Somaaliilaanditti ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsameera.
Kanaafis Israa’eel Somaaliilaandiif beekamtii kennuun hariiroo dippiloomaasii kan uumtu ta’uu ‘Middle East Monitor’ gabaaseera.
Afrikaa Bahaatti Naannawaa tarsiimowaa keessaa tokko kan taate Somaaliilaandi, daddabarsi daldala Galaanaa addunyaa keessaa tokko 3ffaan bakka itti raawwatuudha jedhame.
Nageenya Galaanaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa, yakka shororkeessummaa fi kanneen biroo to’achuuf bakka ijoo ta’uu ibsameera.
Oromia #Ethiopia
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
