Gargar bahiinsa garee TPLF

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Gareen dura taa’aa Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay(ABUT) Dabratsiiyon Gabramiikaa’eeliin durfamu “yaa’ii waliigalaa ABUT 14ffaa” jechuun taa’e irratti warra hirmaachuu dide irratti dhorkaa taasisu beeksise.
Garichi maqaa ABUTiin ibsa har’a baaseen warri yaa’icha dide maqaa ABUT akka hin fayyadamne dhorkamuu hime.
Dura taa’aa itti aanaan ABUT fi pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay Getaachaw Raddaa immoo humnoota aangoo barbaadan ittiin jedhaniif humnoonni nageenyaa naannichaa meeshaa ta’uu akka hin qabne hubachiisan.
Obbo Getaachaw Raddaa ibsa har’a kennaniin, yaa’icha kan dhorkuu dhiifneef yaa’ichi bu’aa waan hin qabneefi jedhan.
Warri kun bulchiinsa yeroo humnaan qabachuuf yaaluu malu, humnoonni nageenyaa naannichaa meeshaa hin ta’inaaf jechuun dhaamani.
Obbo Getaachaw Raddaa fi aangawoonni hedduun miseensa koree giddugaleessaa paartichaa yaa’icha mormuun itti hirmaachuu didani.
Maddi: OMN
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
