Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Manni Marii Bakka Bu’oota Uummataa labsii yeroo hatattamaa kaase

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa yaa’ii hatattamaa har’a taa’een labsii yeroo hatattamaa kaase.
Manni marichaa yaa’ii ariifachiisaa har’a taa’een sagalee mormii 63fi sagalee deeggarsa caalmaan labsichi akka ka’u yaada murtoo dhiyaate raggaaseera.
Murtoo kana hordofee boordiin sakatta’insa raawwii labsii yeroo hatattamaa hojiilee hinxumurre yoo qabaate, guyyaa murtoo kanarraa eegalee baatii tokko keessatti xumuruun gabaasasaa qaama dhimmi ilaaluuf akka dhiyeessus murtaa’eera.
Haaluma walfakkaatuun qaamoleen haqaa hojii dhimmoota raawwii labsichaan walqabatan eegalan adeemsa kenniinsa hojii idilee haqaatiin akka xumuran murtaa’eera.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
