Fri. May 24th, 2024

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Filannoo US: ‘Dhalattuu baadiyyaa Oromiyaa ta’ee Ameerikaatti dorgomuun seenaa guddaadha’- Amaanee Badhaasoo
January 18

Amaanee Badhaasoo
Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti uumame baqachuun bara 2003 umurii 13’tti koolu-galtummaan Ameerikaa seenuu kan himtu Amaanee Badhaasoo, lammii Itoophiyaa Kongirasii Ameerikaa bara 2022’tiif dorgomaa jirtudha.
Shamarreen Oromoo tun Paartii Dimookiraatik bakka bu’uun Ameerikaa Bulchiinsa Minesotaa magaalaa Seent Pool ‘Fourth Congressional District’ jedhamu bakka bu’uun Koongirasii biyyattiif dorgomaa jirti.
Waa’ee dorgommiifi seenaa dhalootashee ilaalchisuun turtiin Amaanee Badhaasoo waliin taasisne kunooti:
BBC: Amaaneen eenyu? Eessatti dhalattee eessatti guddatte?
Amaanee: Amaanee Badhaasoo ijoollee baadiyyaati. Oromiyaa Arsii bakka Muneessaa jedhamuttiin dhaladhee gara waggaa afuriitti yoo siquun sababii siyaasaatiin maatii kiyya waliin biyyaa baqachuun Keeniyaa gale.
Hanga umurii waggaa 13’tti achuman jiraadhee achumattiin Afaan Oromoo fi Ingliffa illeen baradhe. Isaan booda ammoo gara Ameerikaa imaluun Miniisootaa keessa jiraachuu eegale.
Kanaafuu Minisootaan biyyaan jaaladhu, biyyan kabajuudha. Achitti ammo umuriin wagga 13 irraa kaasee dargaggoo Oromoo waliitti qabuun, hawwiisoo irratti hirmaachuun hawaasa keessatti hirmaataan ture.
Hawaasumatu na guddisee jechuun danda’a. Hirmaannaa siyaasaa illeen waggaa 10 oliin qaba.

BBC: Mee waa’ee barnoota kee nutti himi?
Amaanee: Barnoota kiyya sadarkaa tokkoffaa akkuman siin jedhee Keeniyaatti eegalee isaan booda ergan gara Ameerikaa dhufee barnoota sadarkaa lammaffaa fi barnoota yunvarsitii asittiin baradhe.
Yunivarsitiidhaa saayinsii siyaasaatiinan eebbifame.
BBC: Barnootaan illeen saayinsii siyaasaa baratte. Ofii fedhiin siyaasaa attamiin sitti umamuu danda’e, waan hawaasarraa ykn maatiirraa hubattee wayitu ture?
Amaanee: Akkuman siin jedhe ijoolluummaa kiyyatti wayitan baqattummaan Keeniyaa ture kaasee waa’ee jireenya koon gaafachaan ture.
Maaliif jireenya baqattummaa jiraanna? Yoon waa’ee eenyummaa fi maqaa koo fi maatii kiyyaa ibsu namni maaliif akka addaatti na ilaala? Kanneen jedhan anaaf gaaffii ture ijolluummaa kiyyarraa kaase.
Ergan Ameerikaa dhufeen booda ammoo biyyattiin biyya dimokiraasii waan taateef, namni sodaa tokko malee yaada waliif ibsa waan ta’eef dhugaa jirtu hubachaan adeeme.
Anis ijolluummaa irraa kaasee hojii tola-ooltummaa hedduu keessattilleen hirmaachaan ture.
Keessattuu ummata maatiin maallaqa gahaa hinqabne fi harka qalleeyyiin haala itti gargaaramurratti duulawwan gaggeessaan ture. Bara 2012 irraa eegaleen hojii akkasii cimsee hojjataa ture.
Walumaa galattis, namni hundinuu kabajaan sodaa tokko malee jiraachuu akka qabu waanan amanuufan, kanan siyaasa keessatti hirmaadhu onnee kiyyarraayi.
Sababiinsaas asi Ameerikaa keessatti qofaa osoo hintaane addunyaa hundarratti namni hundi ulfinaafi kabajaan akka jiraatuun barbaada.
Kana dhugoomsuu keessatti kan gahee koo bahuuf jecha kanan siyaasa keessa hirmaadhe.

BBC: Namni ati amma waliin dorgommaa jirtu nama muxxannoo siyaasaa wagga 21 qabudha. Dorgommii kana attamiin ilaalta?
Amaanee: Anilleen waggoota kudhan darbaniif maatiifi namoota siyaasaa gurguddoo hedduu waliin hojii siyaasaa dalagaa ture.
Biyya kanatti keessattuu ummanni rakkoolee garaa garaa qabu nama isaaniif dhaabbate falmuuf barbaachisa.
Waggoota kudhanii oliifis dhimma diinagdee, sanyii, dhimma naannoo fi haqaa hawaasaa ilaallatan irratti duulawwan qabsoo gaggeeffaman adda durummaan hirmaataan ture.
Akka falmituu mirga namoomaa fi dimokiraasii idil-addunyaatti, hawaasa sabdaneessaa Mineesotaa qindeessuun dhimmoota naannoofi idil-addunyaa irratti sochoosaan ture.
Kanaanis hawaasaaf gumaachuun alatti namoota siyaasaa gurguddoo waliin akkan hirmaadhee muxannoo argadhu na taasiseera.
Ani kanan kongirasiif dorgomuu, walqixxummaa dhugaa, sirna hunda hammataa fi Ameerikaa haqa qabeettiif falmuufan. Akkumas dura jedhe, ummanni nama isaaf dhaabbatu, nama qarshiin hin bitamne barbaada.
Namni sun ammoo ana Amaanee Badhaasooti. Kanaafu baay’ee gammadeera. Nan injifadha jedheen amana.


BBC: Akka dubartii Afriikaa tokkootti siyaasa Ameerikaa keessatti hirmaachun maal fakkaata?
Amaanee: Dhugaadha dubartii Afrikaa ta’ee siyaasa Ameerikaa keessatti hirmaachuun cimaadha, danqaalee baay’ees qaba. Haata’u malee, ani rakkoolee jiran hunda fuuldura dhaabbachuun kan itti aananiif karra banuun barbaada.
Kana biraan ammoo biyya kamiittuu dubartii ta’un kee mataansaa rakkoo hedduu qaba sababii sirnawwan umaman hedduun sirna dhiirootaaf hojjataman ta’aniif.
Danqaalee sana cabsuuf dubartoonni hedduun siyaasa keessatti dorgomuun barbaachisaadha jedheen amana.
Yoo akkas ta’e kan ummanni dubartoonni maal buusuuf akka dandeenyu qabatamaan hubachuu danda’a jedheen yaada.
Warra kaaniif fakkeenya ta’u jechaas rakkoolee adeemsa keessa na mudachuu danda’an hundaaf of qopheesseen itti gale.
Amaaneen duula siyaasaa geggeessaa jirtu kanaan dhimmoota dhiibbaa jijjirama qilleensaa, walqixxummaa sanyii fi haqa diinagdee irratti xiyyeeffachuun hojjataa jirti.


BBC: Hawaasa Oromoo dabalatee lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa jiran irraa maal eegda?
Amaanee: Kaayyoofi mul’anni keenya ani dorgomuuf kan ummata hunda fayyaduudha. Yeroo baayyee kan miidhamu maatii iyyeessaa rakkoo hedduu keessa darbuudha.
Maatiin osoo halkanii guyyaa dalaguu garuu abdii dhabe hedduutu jira. Kaayyoon duula keenyaa ammoo sabaafi sabilammiilee akkasii kana biyya kana keessatti gargaarudha.
Itti aansee ammoo ani intala Oromoo Itoophiyaatti dhalateedha. Rakkoo biyya sana keessa jirtus nan hubadha.
Kanaafuu muxannoon kiyyaafi kaayyoon ummata miidhamaaf dhaabbachuuf qabu kan nama hawaasa Oromoos ta’e lammiilee Itoophiyaa kaanitti illeen toluudha jedheen amana.

BBC: Siyaasaa Ameerikaa keessatti hirmaattee milkaa’uf lammiileen Itoophiyaa achi jiraatan waan si gargaaran sitti fakkaataa?
Amaanee: Eeyyee na gargaaru jedheen yaada. Ani biyya kanatti kan qabsaa’aa jiru namni hundi (sabaafi sablamiilleen hundi) nagaafi bilisaan akka jiraatiifidha. Ajandaan kiyya ajandaa dimookiraasiti.
Kanaafu namoonni kun akka dhugoomu barbaadan hundi na deeggaru jedheen amana.
Iijoollummaa kootii kaasee wanti ani qabsaa’ef jirus kanumadha. Amaaneen Waashingitan DC deemteef hin jijjiramtu.
Nama hundaafan qabsaa’a, nama hundaafan dhaabbadha, fuldurri addunyaalleen dimookiraasiin akka bultu waanan fedhuuf, ilaalchi fi waanan dhaabbadheef nama hundaan kan fudhatamu jedheen yaada.
BBC: Falmaa kan jirtuu sabaafi sablammilee hundaaf ta’ulleen osoo dorgommichaan injifattee, milkaa’inni kee hawaasa Oromoo Ameerikaa jiruuf hiikaa attamii qabaata jette yaadda?
Amaanee: Ifa guddadha jedheen yaada, maalifii yoo jettee, duullii na filadhaa keessattu yeroo jalqabaatiif yoo dorgomtuu danqaa baayyee qaba.
Nama si bira dhaabbatee halkanii guyyaa ni dandeessa siin jedhu, nama onnee siif kennuu baay’ee barbaachiisadha.
Namni na bira dhaabbate, shakkii tokkoo malee hin dandeettaa naan jedhe ummata kiyyaa kan hawaasa Oromoo asi jiruuti.
Maatiin irraa dhaladhee qofaa osoo hintaanee hawaasni kiyya dhugaa dubbachuuf abbaa fi haadha naaf ta’ee bakka kanaan na ga’e.
Kanaafuu, bakka kanaan na gahanii yoon ani amma dhalatuun baadiyyaa Oromiyaa tun yeroo jalqabaaf kongirasii seenee, kun waan jara boonsuudha.
Isinaaf illeen kun waan guddaadhaa jedheen yaada, hawaasni Oromoo galata guddaa qabu.
BBC: Guyyaan filannoo kanaa yoom?
Amaanee: Filannoon kun marsaa garaa garaa qaba. Filannoon gumii (Caucus) Guraandhala 1, 2022 gaggeeffama. Guyyaa sana namoonni dimookiraatii ta’an dhufanii Amaanee bira dhaabbanna. Sagalee haa argattu jedhu.
Adeemsi sunis baay’ee waan barbaachisaa ta’eedha. Hawaasni bakkan ani jiraadhu keessaa jiru guyyaa sana bahee deeggarsa isaa naaf kennu qaba.
Booda ammoo sadarkaan lammaffaansaa baatii Caamsaa keessaa gaggeeffama. Garuu filannoon ummata hunda hirmaachisu baatii Hagayya 9tti gaggeeffama.
Egaan Amaaneen yoo sanarratti injifatte, dubartii Itoophiyaa dhalattuu baadiyyaa Oromiyaa jalqabaa miseensa Kongiransii Ameerikaa taate jedhamti.
Kaayyoon keenna kaayyoo ummataa waan ta’eef, filannoo kana mo’achuuf shakkii tokkoyuu hin qabu, qophoofneerras.
BBC: Galatoomi Amaanee.
Amaanee: Isni illeen galatoomaa.

Maddi:BBC Afaan Oromoo

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply