Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Manni Murtii Ol’aanaa Godin Booranaa Anga’oota Mootummaa Aangoo isaaniitti fayyadamuun Lafa Mana jireenyaa gurguratan hidhaan adabe.


Yakkamtoota maqaan isaanii
1ffaa Fuungicha Dheengee
2ffaa Abdulaziiz Alii
3ffaa Huseen Aliyoo jedhaman lafa Mana jireenyaa Godina Booranaa Magaalaa Mooyyaalee keessatti aangoo isaaniitti fayyadamuun gurguratan irratti hidhaa cimaa waggaa torba hanga ji’a saddeetii fi qarshiin adabeera.
Haalumaa kanaan Manni Murtichaa yakkamaa 1ffaa Fuggicha Dheengee Kantiibaa Magaalaa Moyyaalee kan ture irratti hidhaa cimaa waggaa 7 fi qarshii kuma 20, Yakkamaa 2ffaa Abdulaziiz Alii hidhaa cimaa waggaa 7 fi qarshii kuma 20 fi himatamaa 3ffaa Huseen Aliyoo irratti ammoo hidhaa salphaa Baatii 8 fi qarshii kuma 1’n adabeera.
OBN Afaan Oromootu gabaase.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
