Dhalattoonni naannoo Tigraay kumaatamatti lakkaa’aman miidhaa gareen ABUT qaqqabsiise baqachuun naannoo Amaaraa galan
Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)- Dhalattoonni naannoo Tigraay kumaatamatti lakkaa’aman miidhaa fi gocha sukkanneessaa gareen ABUT isaaniirraan gahee baqachuun magaaloota ollaa naannoo Amaaraa da’aachuun isaanii ibsameera.
Dhalattoonni naannichaa kunneen gacha garee shororkeessichaa baqachuun godina Walloo Kaabaa magaalaa Qoobboo fi naannichatti buufatalee da’annaa sadii keessaatti da’aataanii akka jiran ibsame.
Haaluma walfakkatunis magaalaa Saqooxaatti buqqatoonni naannoo Tigraay mootummaa fi uummataarra deeggarsa argachaa akka jiran himameera.
Guyya guyyaanis baqattoonni naannoo Tigraay kuma 10tti lakka’aaman lubbuu isaanii baraaruuf gara magaaloota ollaa naannoo Amaaraatti baqachaa jiru.
Buqqatoonni kunneenis hoggantoonnii fi hidhattoonni garee ABUT uummatarraatti miidhaa fi gochaa sukkanneessaa raawwataa jiraachuus himaniiru.
Akkasumas gareen kun deeggarsa uummataaf mootummaa Ityoophiyaarra ergamuun dhorkuun beelicha akka carraa gaariitti fayyadamuun waraanaa irra deebiif dirqamsiisee filaa akka jiruus kaasaniiru.
Maddi:-DHPI
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w