Qalma harrootaa balaaleffachuuf lammileen Naayijeeriyaa hiriira bahan

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
ammileen Naayijeeriyaa dhibbaan lakkaa’aman magaalaa guddoo biyyattii Abujaatti bahanii qalma harrootaa ‘’seeraan alaa’’ lammileen Chaayinaa Naayijeeriyaa
raawwatan balaaleffatan.
Namoonni hiriira bahan akka jedhanitti, mootummaan qalmi harree akka dhaabbatu ajajee ture, garuu harree qaluun addaan hin citiin hafe.
Gareen hawaasa sivilii mormii sana qindeessan Ministeera Qonnaa Naayijeeriyaatu daldala harree lammilee Chaayinaaf eeyyame jedhanii himatan.
Seerri daldala harree to’achuuf bahe sadarkaa paarlamaa Naayijeeriyaatti yeroo ammaa ilaalama jira.
Ji’a darbe Biiroon Gumrukaa Naayijeeriyaa qaama hormaataa harroota 7,000 gara Chaayinaatti ergamaa ture buufata xiyyaara Leegositti qabee ture.
Qaamni hormaataa harrootaa kun biyya Chaayinaatti dawaa aadaa tolchuuf barbaadama.
Bal’ina oduu kanaa BBC News Afaan Oromoo irraa dubbisaa.
Suuraa:AFP
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

