Irreechi utubaa gaaddisa tokkummaa, dirree nageenyaafi jaalalaa, mul’isaa faaya Oromooti

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Irreechi ayyaana Oromoon Kaabaafi Kibbaa, Bahaafi Lixaa walgahee uumaa isaa itti galateeffatu ayyaanota gurguddoo Oromoon qabu keessaa isa hangafa.
Qophiifi kabaja ayyaana Irreechaa bara 2015 ilaalchisuun gumiin Abbootii Gadaa Oromoo miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Walitti qabaa gumii Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Mandhoo ibsa laataniin Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 21 fi Irreechi Hora Harsadee Fulbaana 22/2015 akka kabajame oolu gumii Abbootii Gadaatiin murtaa’eera jedhan. Irreechi bakka galateeffannaa uumaa, maalummaafi ibsituu Oromoo waan ta’eef abbaa ayyaanichaa kan ta’e ummata Oromoo dabalatee, saboonniifi sablammoonni marga, bokkuu, siinqee, caaccuu, meeshaalee aadaafi faaya Oromoo qabatanii ba’uun ayyaanichaaf kabaja barbaachisu gochuu akka qaban dhaamaniiru.
Irreecha bakka galateeffannaa uumaatti namni hundi nageenya isaa tikfachuun karaa nagaa ta’een uumaa isaaf kabaja keennuun miira jaalalaafi obbolummaa calaqqisiisuu akka qabus waamichi dhihaateera.
Uummanni Oromoo Finfinneefi naannoo ishee akkasumas magaalaa Bishooftuu jiran milkaa’ina ayyaanichaaf tumsuu akka qabaniifi qabeenya keenya kan ta’e Irreecha qabsoo aarsaa qaaliin dhufe kana Oromoon hundi akka tikfachuu qabus dhaamaniiru.
Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa kan itti milkaa’an utubaa gaarii kan dhabduun itti dhala argattu, okoleen itti aannaniin guutuu akeektuu milkii gaariiti.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
