Fri. May 24th, 2024
Amantoota warra wangeelaa tulluurratti waaqeffatanAmantoota warra wangeelaa tulluurratti waaqeffatan

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Boorana Yaaballootti amantoota warra wangeelaa tulluurratti waaqeffachuu maaltu dirqisiise?

10 Adooleessa 2022 Suuraan kan BBC News Afaan Oromooti

Godiina Booranaa tulluu magaala Yaaballoo biratti argamu tokkorratti viidiyoofi suurawwan yeroo namoonni of kennanii waaqeffatan miidiyaa hawaasaarra ballinaan naanna’uu kan jalqabe bubbuleera.

Maqaan tulluu kanaas ‘Gooxii Garbii’ jedhama.

Namoonni dhibbaan lakkaa’aman tulluu kana gubbaatti osoo kadhatanii fi faarfatanii viidiyoon agasriisu yeroo heddu miidiyaa hawaasaa irratti qoodama.

Viidiyoo kana irratti ijoolleen, dargaggoonni, dubartoonni ijoollee xixiqqoo baatanii fi jaarroleen illee tullicha gubbaatti wal gahanii yoo waaqeeffatan mul’atu. Namoonni kunneen gannaa rooba keessa, yeroo bonaa ammoo aduu keessa dhaabatanii waaqeffatu.

Viidiyoon namoota kanneen erga miidiyaa hawaasaarratti qoodamu eegalee boodas namoonni sababii ni ta’a jedhan garaa garaa yoo kaasan dhagahamu.

Jarri kun waa rakkatan malee tulluurratti bahanii hin waaqessan kan jedhan jiru. Kaan ammoo akka waan lafa itti waaqeffatan dhabaniittis kan fudhatanis jiru.

Ofii kun fedhiidhaan moo dirqisiifamaniiti laata?

Gumii kana tulluu Gooxi Garbii kanarratti yeroo heddu walitti qabee tajaajila kennaa viidiyoowwanii fi suuraawwan miidiyaa hawaasaa irratti kan mul’atu Hayiluu ykn kan maatiin Dawwaa Shibbiruu Shotaa jedhe waamudha.

Daawwaan namoota kana tulluu Gooxi Garbii gubbaatti maaliif akka walitti qabuufi kaayyoon isaanii maal akka ta’e BBC’tti himeera.

“ALI dhuma bara 2009’tti nama shan taanee tulluu kanarratti yeroo fudhannee kadhannaaf murteessine.

Kaayyoon keenya jalqaba waggaa sadiif deddeebinee tullicharratti yeroo fudhannee waa’ee biyyaa, waa’ee sabaafi waa’ee tajaajila keenyaa kadhannee Waaqayyoo irraa ergaa fudhanna jennee jalqabne,” jechuun akkamitti akka jalqaban dubbata Daawwan.

Itti dabaluunis, “Yeroo keenya mana bunaa fi bakka birootti dabarsuurra achi lafa qoofnii deemnee yeroo fudhannee kadhachuu qabna jennee murteessine malee kaayyoo biraa hin qabnu,” jedha.

Erga tulluu kana gubbaatti hiriyoota shan ta’anii kadhachuu jalqabanii namoonni fedha isaanitiin dhufanii itti dabalamuun wajjin kadhachuun akka eegalan duubata.

Sana booda namoonni walirraa dhagahuun baay’achaa dhufan.

“Achitti kadhannaa waan goonuf namoonni dhibee addaa addaa irraa ni fayyu; namoonni biroo kana dhagahanii walitti himuun dhufu. Yeroo tokko tokko hanga namoota kuma tokkoo kan ta’antu dhufee hirmaatu,” jedha Daawwaan.

Sirna amantaa warra wangeelaa keessatti namoonni dhuunfaanis ta’ee garee muraasan yeroo gabaabadhaaf yeroo fudhatanii kadhannaa soomaa fi sagadaa taasisuuf tulluu irratti bahanii kadhachuun waanuma barameedha.

Haata’u garuu, kan Yaaballotti mul’atu kanarraa adda.

Namoonni hedduu akka sirna waaqeffanaa waldaa keessatti gaggeeffamuutti tulluutti bahanii sirna faarfannaa, kadhannaa fi wangeela lallabbuu taasisu.

Kun ammoo hordoftoota amantii biroo waliin atakaroo fi morkii keessa nama galchuu danda’a yaaddoo jedhuuf, “Tulluun sun lafa uummataati. Haata’u malee, hanga ammaa mootummaas ta’ee uummata naannichaa irraa mormiin adda ta’e nu mudate hin jiru,” jedha Daawwan.

Namoota tulluu gubbaatti waaqeeffatu keessaa muraasa

Rakkoon akkanaa yeroo heddu Godina addaa Naannawa Finfinneetti baramaadha.

Ebla 8, 2022 tti Magaala Galaanitti namoonni taabotatu asitti argame jedhanii lafa uummataa irratti waaqeffannaa eegalan bulchiinsi magaalaa tarkaanfii fudhatee dhaabsisuu isaa ni yaadatama.

Bifuma wal fakkaatun Ebla 1, 2019 tti Koyyee Facceetti taabotatu waaqa irraa bu’e jedhanii namoonni ittiin lafa qabachuuf socho’aa akka turan ni yaadatama. Daawwan ammoo, “Nuti lafa humnaan qabanne hin qabnu. Torbanitti guyyoota muraasa achi deemnee sa’aatii muraasa achitti waaqeffannee gara mana keenyatti deebiina” jedha.

Namoonni kadhannaadhaf tulluu Gooxi Garbii irratti walitti qabaman kun yeroo heddu aduu, rooba fi dhukkee keessa osoo dhaabatanii yookin taa’anii mul’atu.

“Bakka sanatti waan akka dahoo fi teessuma godhachuuf qarshii nu barbaachisa. Kanaaf ammoo gara fuulduraatti yoo ta’e malee ammatti guutuu hin dandeenye,” jedha Daawwaa Shibbiruu.

Akka Daawwan jedhutti, tulluu kana gubbaatti sirna waaqeffannaa isaanii qofa osoo hin taane bakka isaan itti kadhatan irraa xiqqoo siqee iddoon waaqeffannaa sirna aadaas jira.

Kana ilaalchisee wal-dorgommiin amantii hin ka’uu gaaffi jedhuuf, “Naannoo kanaatti waaqeffannaa sirna aadaatu gaggeeffama jechuun mormiin yeroo tokko nurratti ka’ee ture. Garuu nuti callisneetuma kadhannaa keenya itti fufne,” jedha.

Gara fuulduraatti ammoo bakkicha giddu-gala kadhannaa gochuuf karoora akka qabaniifi mootummaa irraayis eeyyama gaafachuuf akka jiran dubbata.

Daawwaa Shibbiruu tajaajilaa amantii qofa osoo hin taane, hojjataa mootummaati.

Godiina Booranaa Magaala Yaaballoo Waajjira Bishaanitti hirmaannaa ummataa irratti akka hojjatu BBC’tti hime.

BBC News Afaan Oromoo

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply