Majliisni haaraan Islaama tokkichaan alatti maxxantoota kaan hinbeeku, ittis hin fayyadamu” -Sheek Hajii Ibraahim Tufaa
Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Qaamootni yeroo ammaa gara hoggansa Majliisaatti dhufan waggoota dheeraadhaaf warroota tokkummaa amantichaa cimsuuf dhama’aa turaniin kan guutame ta’uu Pirezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa ibsaniiru.
Hoggansi Majliisaa haaraa filatame yeroo ammaa walharkaa fuudhiinsa biiroofi meeshaalee garaa garaa taasisaa jiraachuu Bariisatti kan himan Pirezdaantichi, qaamota hoggansa duraa keessaa kanneen biiroofi qabeenya deebisan akkuma jiran, warreen sababa garagaraatiin hanga ammaatti qabeenya harkasaanii jiru hindeebifneef immoo xalayaa barreessaa jiraachuu dubbatu.
“Filannoon majliisaa dhiheenya gaggeeffame hirmaachisummaadhaan isaan kanaan dura darban hundarraa adda” kan jedhan pirezdaantichi, naannoleen filannicha keessatti bakka bu’ummaa hinarganneefi hinhirmaanne tokkollee kan hinjirre ta’uu ibsu.
Filannoo karaa dimokraatawaa ta’eefi bakka bu’ummaa naannoleefi bulchiinsa magaalota lamaaniitiin gaggeeffame kanaan warrootni raawwachiiftuu hojiitiif filatamanis bakka bu’ummaan naannolee hundaa kan itti mirkanaa’e ta’uus kaasaniiru.
Hunda caalaa immoo qaamootni haaraa gara hoggansa Majliisaatti dhufan kunniin dhaabbanni dhimma musliimotaa cimaan akka hundaa’uuf kanneen qabsoo waggoota dheeraa gaggeessaa turan waan ta’aniif tokkummaa musliimotaa eegsisanii hogganuurratti ejjannoo boodatti hindeebine qabaachuusaaniis mirkaneessaniiru.
Majliisni haaraan Muslimaan alatti maxxantoota akka suufiyyaafi salafiyyaa jedhamu kan hinbeekneefi ittis hinfayyadamne ta’uufi maqootni kunniin tokkummaa musliimotaa dadhabsiisuuf kan moggaafaman ta’uus dubbataniiru.
Maddi: Gaazexaa Bariisaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
