Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Biiroon Barnootaa Oromiyaa qorumsa kutaa 8ffaa Waxabajjii 27 -29 bara 2014 kennuuf qophii xumuruu ibse.
Haaluma kanaan manneen barnootaa kuma sagaliifi 374 qorumsa kana kan kennan yoo ta’u, walumatti barattoonni kuma 450fi 235 galmaa’anii qormaata fudhachuuf qophaa’aniiru.
Gama biraatiin hanga qormaanni kutaa 12ffaa karaa elektironiksiin (online) eegalamutti yunivarsitiiwwanitti akka kennamu Ministirri Barnootaa Pirofesar Birhaanuu Naggaa ibsan.
Kunis hannaafi waliindhahiinsa qormaataa hambisuuf ta’uu eeranii, barattoonni barumsi hojiifi tattaaffiidhaan kan dhufu ta’uu hubatanii cimanii barachuufi qo’achuu akka qaban hubachiisaniiru. G/Bariisaarraa waabeffanne.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
