Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22 bara 2014 gaggeeffama
Badhaasni (Hacaaluu Hundeessaa Award) guyyaa yaadannoo du’a Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 22 bara 2014 akka gaggeeffamu koreen qindeessituu sagantichaafi Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa beeksise.
Saganticha ilaalchisuun har’a miidiyaaf ibsa kan kennan haati warraa artistichaa Aadde Faantuu Dammisawu akka jedhanitti, faawundeeshinichi waggaa tokkoo dura maatii Haacaaluutiin hambaawwan inni dhiisee deeme dhalootaaf dabarsuuf kan hundaa’eedha. Bu’uuruma kanaan sagantaa badhaasaa jalqabaa qophaa’eera.
Badhaasichi akaakuuwwan muuziqaa 10n kan dorgomamu yoo tahu, sirboonni guyyaa darbuu Artisti Haacaaluurraa kaasee Afaan Oromootiin sirbaman kan dorgomsiifaman taha. Haaluma kanaan muuziqaa, kilippii, walaloo, yeedaloo, qindeessaa, editara kiliippii, sinimaatogiraafii, artiistii dubaraafi dhiiraa cimaa baranaa kan dorgomsiifamanii badhaafaman taha jedhu.
Ummannis guyyoota muraasaaf weebsaayitii https://hachaluhundessaaward.org irratti sagalee akka kennan gaafatu. Sararri ergaa gabaabaas qophaa’uu eeraniiru.
Maddi: Gaazexaa Bariisaa



Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
