Miseensonni Alshabaab 34 magaalaa Finfinnee fi iddoowwan garaagaraatti haleellaa raawwachuuf qophiirra turan to’atamuu Mootummaan beeksise




Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyoolessaa miseensota Alshabaab 34 magaalaa Finfinnee fi iddoowwan garaagaraatti haleellaa raawwachuuf qophiirra turan qaamolee nageenyaa naannolee Oromiyaa fi Somaalee waliin ta’uun opporeeshiniiwwan gaggeesseen to’annaa jala akka oolaan taasiseera.
Tajaajilichi ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ergeen, miseensonni Alshabaab kunneen wayita taateewwan amantaa ayyaanaan walqabatanii gaggeeffamaan eeguun haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf qophiirra akka turan dhaabbata nageenyaatin sakattoo fi qorannoo gaggeeffameen bira gaa’ameera.
Kanaanis magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti haleellaa cimaa raawwachuuf shiraa xaxuun qophaa’aa turuus, cancalaa garichaa hordofuu fi ragaa sassaabuun haleellichi akka raawwatuuf qopha’aa kan turan miseensonni Alshabaab 34 to’annaa jala ooluun shirri karoorfamee ture fashalaa’eera.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
