Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Dubbii Ijoo, Dhimma Lafaa‼
Jarana lafti nuyi irra ejjennee jirru kun akka afata obdiiraa nu jalaa harkifamaa jira. Hanga irraa kufnutti eeguun nurra hin jiraatu. Sababni isaa, warri kufeyyuu kahuu hin dandeenye.
Warri Filsxeemin godaansa biyyaa biyyaa fi du’a guyyaa guyyaaf kan saaxile utuu akkuma Oromoo kana fajajanii samicha lafa isaanii ilaalaniidha.
Akka namootni hedduun gowwummaan yaadan hunderffamuun mootummaa Ayihudootaa bara 1948 tasa waaqarraa kan bu’ue miti. Isa dura waggoota 50f kan itti qophaa’ame ture. Karoorri Shiraan lafa Filisxeemotaa werraruu kan eegalame bara 1897 walgahii gaazexeessaan ‘Tewoodoor Herzel’ jedhamu Austria Veenaatti Ayihuudota guutuu addunyaaf qopheesse irratti ture.
Walgahii sanas yeroo saaqu akkas jedhee eegale” Biyya Ahiyudotaa, har’a eenyullee hin argine kun waggaa 50 booda lafuma Filsxeemotaa irratti ni hundoofti jedhe yoon dubbadhu hunduu gowwaan kun maal jedha jettanii natti kolfitu garuu, gowwummaa miti dhugaadha” Akkuma inni jedhe, kora Veenaa booda waggaa 50 turee bara 1948 Israa’el ifatti hundoofte.
Deemsi kiloomeetiroota hedduu tarkaanfii tokkoon jalqaba akkuma jedhamu Ibroonni suuta suuta kottee isaanii Filisxeemi keessatti gadi fageefachuu eegalani.
Maaltu akka qixaahaafii jiru kan hin beekne Filsxeemonni sochii shiraa Ayihudootaa kana hanga xurii qeensaattuu hin lakkoofne. Ayihudonni qarshii Awurooppaatti horataniin duula lafa bituurra oolchani. Kun wixinee lafa qabannaa walgahii Veenaa keessaa tokko ture. Warri Filisxeem lafa hin barbaachisne jedhanii yaadan (Lafa caffee sigigaataa, gaara dhagaan guutame,) hunda Ayihuudotatti gurguruuf wal saamaa turan. Lafa caffee sigaataa Ayihuudotatti gurguruu isaanii akka abshaalummaatti lakaawwatani. Har’a garuu Gaazaa keessatti lafa gurguruun du’aan adabsiisa.
Erga waa hundi tahee, lafti Filsxeemotni Caffaa’aa, sigigaataa fi gaara dhagaan guutamedha jedhanii maal nadhibdeen ofirraa gurguran sun Israa’eliif bakka jeennataa tahe. Filsxeemonni kan taa’anii kaahan ol ka’anii fuuchuuf isaan rakkise. Ayihudoonni akka adurree lallaafanii lafa Filsxeem of jalatti galchatani “Survival of the fittest” jechuun kana. Amma Filsxeemonni akkamiyyuu yoo iyyani dhagaa darbachuurraan kan darbe waa gochuu hin dandeenye. Addunyaan isa humna qabu waliin dhaabbatti. Gowwoomtee kufnaan kufteetta!
Dhimma keenyas kanaan walitti fidnee ilaaluun gaariidha. Lafa har’a taakkuudhaa hanga heektaarotaatti lakkaa’amu eenyutti gurguraa jirra? Carraan Oromoon lafa isaarratti qabu oolee bulee akka kan Filisxeemotaa tahuu dhiisuuf wabiin hin jiru. Namootni aangoo dhorkuu qabanis dallaalaa lafaa waliin gurguranii, gurgursiisaa garaa guuttachuutti jiru. Abbootii garaa akkasii “Pig society” jedha Pilaatoon. Kan hafnes yoo tahe ofittummaafi albaadhummaan nu adoochee teenyee ilaalaa jirra.
Wanti har’a miidiyaaleen habashaa “Wallaggi, Shawaan, Finfinneen, Walloon, Raayyasn….) ristii Amaaraati jedhanii tuttuqan baacoof sitti hin fakkaatiin. Qubsiifni naannoo keenyatti geggeefamu kamiyyui qarshii guddaa diyaaspooraan kaffaluun deggeramaa jirachuu meeqan keenyatu quba qaba?
Listen the Video here
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w