Fri. May 24th, 2024

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Dr. Abiy Ahmed Hidha Guddicha Itoophiyaa Ibsaa Jalqabsiisan

Guyyaa Seena Qabeessa

Ministirrii Muummee Dr Abiyyi Ahimad Anniisaa Elektirikii Maddisiisuu hidha haaromsaa Guddichaa Itiyoophiyaa jalqabsiisan.

Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf bara Faranjootaa 1922 qorannoon jalqabaa gaggeeffame.

Yeroo sanatti mootummaan Biriitaaniyaa ka’umsa Laga Abbayyaa beekuufi lagicharratti hidha ijaaruuf karoorfatee jila qorannoo gaggeessu gara magaalaa Daangilaatti ergee ture.

Bara Faranjootaa 1927 jilli qorataa lafaa lammii Ingiliz Roobart Ernast Chiiziin durfamu qorannoo gaggeesseera.

Bara 1958 Ityoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf yaalii taasiftee turte.

Yaaliin mootiin Hayilesillaaseen mootummaa Ameerikaa waliin ta’uun laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf karoorfatee ture mootummaa Biriitaaniyaan gufate.

Bara 2003 Ityoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf murannoo qabdu gochaan agarsiifte.

Bitootessa 24, 2003 ijaarsa hidha haaromsaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Caamsaa 2005 ijaarsa hidhichaaf kallattiin laga abbayyaa yeroo jalqabaaf jijjiirrame.

Bara 2007 mariin sadeef Ityoophiyaa, Sudaanii fi Ijipti gudduutti walii galteen mallattaa’e.

Baatii Adoolessaa Bara 2012 guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa meetir kiyuubiin biiliyoonni 4.5 milkiin xumurame.

Baatii Hagayyaa 2013 guutinsi bishaanii meetir kiyuubiin biiliyoonni 13 milkiin raawwatameera.

Har’ammoo abjuun biyyattii waggaa 100 olii hooggantoota Bdhaadhinaatiin milkaa’ee lagni Abbayyaa Annisaa maddisiisuu eegaleera.

Maddi: BDhKMNO

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply