Mon. May 20th, 2024

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Barataa kutaa 8ffaa uummata gandasaa dukkana keessaa baase

Barataan umriinsaa 14, baaddiyaa bakka neetworkii, ibsaafi daandii dabalate tajaajillii barbaachiisan hedduun hin jirre jiraatuu, baayoogaazii kosiirraa oomishuun humna elektirikaa maddisiisee taaajila ibsa manneen hedduuf kennaa jira .

Aadan Huseen Diidaa jedhama. Dhalataa godina Booranaa aanaa Waacilee ganda Weebiidha. Mana barumsa Tulaa Weebiitti barataa kutaa 8ffaati.

Aadan boolla meetiraa 2 hin geenne keessatti kanneen akka kosii, dhangala’aa garaa garaa, dhoqqee loonii, fincaaniifi bobbaa kan namaafi bineensotaa hedduu irraa qopheessuun ammatti manneen saddeetiif tajaajila ibsaa kennaa jira.

Oomishni baayoogaazii naannoo kan hin faalleefi mijataa si’a ta’u, keessumattuu jireenya uummata baadiyyaa warra ibsaa elektrikii hin qabne fooyyessuu keessatti filannoo dorgomaa hin qabneedha.

Barsiisaa mana barumsa Tulaa Weebii kan ta’e Boruu Soraa, Aadan miseensaa gumii kalaqaafi elektronikii ta’uu hima. Gumii kana keessatti barattoonni waan haaraa yaaluun hojjachaa turan.

Ta’ullee, Aadan hojii mootummaan mana dhuunfattti baayoogaazii nyaata bilcheessu dhoqqee loonirra hojjate ilaalee maatiisaaf ibsa hojjachuutti milkaa’e. Boodarra ammoo gara ollatti tajaajilasaa balʼifachuu dandaʼe.

“Rakkoo uummati keenna qabu irra ka’een hojii kana hojjachuu eegale. Amma naaf milkooftee jirti. Gammachuu guddaati natti dhaga’ama,” jedha Aadan.

Ammatti Aadan humna elektrikaa kana boolla meetiraa tokkoorraa oomishaa jira, garuu ibsaan guddaan akka burqu mana fincaanni maatiisaa irra yaalaa jira. Kun gandicha hunda hin ga’a jedhees abdata.

Hata’u malee, hojiinsaa kun milkaa’ina guddaa akka argatuuf wanti barbaachisu kan gandicha keessatti hin argamne jiraachu hima. Kana argannaan rakkoo ibsaa dabalatee jijjirama hedduu naannoo isaanii keessatti fiduu akka danda’u ibsa ol adeemaan kun.

“Baayogaazii kana hojjachuuf sibiila barbaachisuti jira, simintoo guddoo fedha ammoo bitachuu hin danda’u, shiboo, funyoo dheeraa manneen hedduu dhaqqabuu danda’u, ampuulii fi gatoofaa barbaacisa,” jedha.

Barataan maatiin isaa harka qalleeyyii ta’an kun, mana tokkoo irra qarshii 100 yoo argatu, ji’atti 800 argachaa jira. Akkanaan maatiisaallee gargaaruu danda’eera .

Barsiisaa Boruun, barataan kun nama dandeettii ajaa’ibaa qabu ta’uu hima. Baayogaazii kana malee, xiyyaara kaartonniifi shiboo walitti qabuun midhaassee hanga meetiira 100 balaliisisuu akka danda’e hima.

Ammas akka namoonni hedduun ibsaa argachuu danda’an gochuuf manneen namoota dhuunfaa sadii keessatti baayoogazii hojjachaa jira jedha barsiisaan Aadan Aaba Boruun.

Manni barumsichaa waan danda’uun deeggaruu kan himu Boruun, barataan kun deegarsa barbaachisu yoo argate faayidaa guddaa uummatasaaf akka fidu abdii qabachuu dubbata.

Aadan maatii ijjoollee saddeetii keessa 6ffadha. Tajaajilasaa kanaaf maatiisaa dabalate, ollaarra deebii gaarii argachaa jiraachuu hima.

Aaadan gara fuula duraatti hawwiinsaa guddoon Injiinara ta’u akka ta’e dubbata.

“Yoo Waaqii jedhe digrii kiyyaa jalqabaa Yunivarsiitii Booranatti fudhachuun fedha. Maaliif yoo jette, Yunivarsitichi haaraa waan ta’ef namni duraan waan hedduu hojjate waan hin jirreef.”

Oomishuu

Baayoogaaziin kan oomishamu boolla keessatti ykn gaazii bullaa’e keessatti. Kan uumamu yeroo wantootni Orgaanikii ta’an tortoran ykn addaan burkutaa’aniidha.

Baayoogaaziin warshaawwan an’erobiikidhaan daakaniin ummama. Warshaawwan kun midhaan humnaa kan akka agadaa boqqolloo ykn kosiiwwan tortoran kan akka irraa hafaa nyaataafi xurii manaa fudhachuu danda’u.

Yeroo kana, taankerii qilleensa hin galchine keessatti biomass gara Mitteenitti geeddara; kunis humna bakka buufamu kan tajaajila akka oo’aa, eleektriikiifi tajaajilawwan kan biraa hedduu kan injiinii garaa keessatti gubu (internal combustion engine) fayyadamaniif ooluu danda’a.

Ammaatti boolla fincaaniirra gandicha guututti ibsa galchuuf yaalii taasisaa jira
Ibsa waa’ee suuraa,Ammaatti boolla fincaaniirra gandicha guututti ibsa galchuuf yaalii taasisaa jira

Dhiheesii kanneen qabaachuu dhabuun, Aadan boolla qotee akka bishaan hin tuqne simintoo fayyadame. Erbee dibaabee irra kutee keenyan boollihaa irratti maxxansee gubbasaa cufa.

Kosiin inni fayyadamuu, kan loonii, saree, beellada bosona akka jeedalloo, waraabessaafi kaan walitti bulbulee, boollatti naqa.

Omishni Baayoogaazii, keessumattuu jireenya uummata baadiyyaa warra ibsaa electrikii hin qabne fooyyessuu keessatti filannoo dorgomaa hin qabneedha.

Haala itti faayadama cileefi qoraanii waliin wal bira qabnee yoo ilaalles, baayoogaaziitti fayyadamuun dhamaatii hedduu hir’suu bira darbee yeroo namaas ni qusata.

Tajaajila baayoogaazii irraa argannuun nyaata bilcheessuufi ho’isuuf, bishaan danfisuu ni dandeenya. Humna elektirikii maddisiisuuf, fakkeenyaaf ampuuliitti faayyadamnee ibsaa argahuuf, akkasumas akka naafxaa geejjibaatti itti fayyadamuuf baayoogaaziin filannoo gaariidha.

Seenaa mana barumsichaa

Manni barumsa Tulaa Weebii seenaa addaa qabachuutu himama. Tulaa Booranaa saglan keessaa Weeb irratti waan ijaarameef ‘Tulaa Weeb’ jedhuun kan moggaafame yoo ta’u, gargaarsa mootummaa malee horii uumata gandichaatin ijaarame.

“Ganda kanatti namoonni baayy’een barumsa qaban, namoota bakka biraa hojiif deeamnis hirmaachifnee, uummanni loonsaanii gurguranii, birrii miliyoona 1.2 wallitti sasaabnee mana barumsaa Tulaa Weebii kana kan baratoonni kutaa torbaaf saddeetii qofti itti baratan ijaarre.”

Manni uummatan hundaa’e kun ammoo, hanga ammaa waan barbaachisaa akka bishaanii, laboraatoorii, mana kuusaa, mana kitaabaa, akkasumas kutaa barsiisaa hin qabu jedhan.

Dabalataan, gandichi baayina uumataa hedduu waan qabuuf baratoonni ammatti kutaa tokko keessa 70 ol ta’anii barahaa jiraahuu himan.

Barataan kun barsiistoota waliin

“Haalii nu keessa jirru kana fakkaata, baay’ee ulfaata, garuu baratoonni keenna haala kana keessatti milkaa’ina akkanaa argachuun gammachuu guddaa nutti hore.”

Akkuma Aadan kana baratoonni waan kalaqaa kana yaalaa jirana akka jiran dubbatu barsiisaan kun. “Jamal Tuqaa barataan jedhamu, konkolaata hojjachuuf yaaluutti jira, kan biraa ammoo baatirii guddicha soolarii dhoqqeefi kosii adda addaa itti gatee, ibsaa irra hojachuuf harka qaba.”

BBC News Afaan Oromoo

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply