Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti balaa konkolaataa mudateen lubbuun nama tokkoo battalatti yeroo darbu, namoota 19 irra miidhaan cimaa fi salphaan qaqqabee hospitaala galan




Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti balaa konkolaataa mudateen lubbuun nama tokkoo battalatti yeroo darbu, namoota 10 irraa miidhaa cimaan yeroo gahu, namoota 9 irra immoo miidhaan salphaan qaqqabee jiraachuu Qindeessaan Tiraafiikaa Aanaa 2ffaa Gargaaraa Inispekteraa Xaahir Nagaa ibsniiru.
Namootni miidhaan salphaa fi cimaan irra gahe hospitaalatti yaalamaa akka jiran Garg. Inispekter Xaahir ibsanii jiru.
Ka’umsi balaa kanaas konkolaataan yookiin taaksichi fireeniinsaa citee waan tureef konkolaachisaan too’achuu dadhabuurraa kan ka’e akka ta’e himaniiru.
Maddi: Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
