Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Biiroon Komnikeeshiinii Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gamaggama hojii baatiiwwan ja’an darbanii qorachuu eegale

Sirna saaqinsa sagantichaa irratti kan argaman hoogganaan Biiroo Komnikeeshiinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa aasaa taasisaniin imaammataafi tarsiimoo mootummaan qopheessu hawaasa biraan ga’uufi yaada uummataas qindeessuun mootummaaf dhiheessuun rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuufi madaala hojii eeguun riqicha ta’anii uummataafi mootummaa wal quunnamsiisuu keessatti hojiin komnikeeshiinii murteessaadha jedhanii, sagantaa kana irratti gamaggamaafi leenjii kennamu irratti dammaqinaan hirmaachuun hubannoo argatan caasaa sadarkaan jiruun ga’uu qabdu jechuun dhaaman.
Sagantaa kana irratti caasawwan sadarkaa Godinootaafi Magaalotaa kan argaman yoo ta’u, hojiiwwan baatii ja’an darbanii qoratamuun ciminniifi hanqinni ture adda ba’uun kallattiin gara fuula duraas ni kennama jedhameetu eegama
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
