Barsiisaan Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Amaanu’eel Baalchaa Diroonii kalaqee balaliisise

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Barsiisaan Yuunvarsiitii Dambi Doolloo kan ta’e Amaanu’eel Baalchaa Diroonii kalaquun balaliisuu Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo beeksiseera. Amaanu’eel Baalchaa Yuunvarsiitii Arbaa Mincirraa barnoota Mekaanikaal Injiineriingiin eebbifamee yeroo ammaa kana Yuunvarsiitii Dambi Doollootti barsiisaadha.
Amaanu’eel Diroonii 2 fi xiyyaara 1 kalaquusaa, Preezdaantiin Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Dooktar Lataa Tasfaayee himaniiru. Dirooniin kunis meetira 250 haala milkaa’ina qabuun balali’uu Dooktar Lataan dubbataniiru. Kalaqoota garaagaraa barattoota Yuunvarsiitichaan hojjetamanis beekamtii fi gabaa akka argataniif Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo hojjetaa jira jedhameera.
Barattoota gama kanaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaniifis tibba kana Badhaasa fi beekamtiin kennameera.
Yuunvarsiitichattis sagantaan kalaqa kanneen akka diroonii, xiyyaaraa, paampii bishaanii, baabura buna daaku, maashinii bukoo bukeessuuf oolu, baabura lafee daakuun soorata lukkuuf oolchu, konkolaattota gosa adda addaa, tarbaayinii bishaanii, diizaayiinii ammayyaa lafa mana jireenyaa qusatu, ampuulii ergaa gabaabaan/sms ifa laatuuf dhaamsu fi maashinii muka bocu agarsiisaaf ooluu ragaan fuula Feesbuukii yuunvarsiitii Dambi Dolloorraa argame ni muul’dhisa.
Maddi: Fuula Facebook Yuunivarsitii Dambi Doolloo
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
