Magaalaa Jimmaa Ganda Ginjootti namichi maqaansaa Tamaam Abdallaahii jedhamu haadha manaasaa ajjeessuun miliquun ibsame

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Magaalaa Jimmaa Ganda Ginjootti shakkamaan maqaansaa Tamaam Abdallaahii jedhamu haadha manaasaa ajjeessuun miliquusaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa beeksise.
Shakkamaan kun guyyaa har’aa naannoo sa’aatii shaniitti magaalaa Jimmaa Ganda Ginjoo keessatti yakka ajjeechaa haadha manaa isaa Saalihaa Mohaammed jedhamturratti raawwatee miliqeera jedhamee shakkamee barbaadamaa jira.
Kanaafuu, namoonnii odeefannoo isaa qabdan yookiin yoo shakkamaa kana argitan bilbila poolisii magaalaa Jimmaa kan ta’e (0471120034) irratti bilbiluun eeruu poolisiif akka kennitan dhaamsa dabarsina.
Maddi: Waajira Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w





