Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Waldaa omisha zayitii Tokkummaa Odaa Nabee





Gaazexaa Bariisaa
Magaalaa Duukamitti dargaggoonni waldaa omisha zayitiirratti gurmaa’an hojii keessa galuuf qophi gochaa jiru.
Dargagoonni dhaabbilee barnootaa olaanaarraa eebbifaman waldaa gurmaa’uun warshaa zayitiirratti bobba’uuf ta’an kunniin, liqaa Baankii Misoomaa Itoophiyaarraa qarshii miliyoona 26 argataniin warshaa dhaabaa jiru.
Guyyaa har’aas maashinni warshichaaf oolu biyya alaatii bitamee galuun walharkaa fuudhinsi taasifameera.
Bulchiinsi Magaalaa Duukam Waldaa kana gurmeessee hojii keessa galchuuf Qarshii Miliyoona 8 oliin Iddoo Oomishaa ijaaree dabarsee kennee jira. Kana malees tajaajila Ibsaafi Bishaanii dhiheessuun deegarsa taasisee jira.
Warshichi ijaaramaa jiru kun gaafa guutumatti hojii jalqabu, guyyaatti Zayita Nyaataa Liitira 15,000 ta’u oomishuun gabaaf kan dhiheessu ta’uu dura taa’aan Waldichaa Dargaggoo Taarikuu Abarraa ibseera.
Ethiopian Press Agency
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
