Fri. May 24th, 2024

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Waldaan Kiristiyaanaa Araaraa Waaqayyoo Addunyaa Magaalaa Naqamteetti Mana Barnoota sadarkaa 1ffaa ijaarsisee eebbisiise

Waldaan Kiristiyaanaa Araaraa Waaqayyo Addunyaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee kutaa Bulchiinsa Calalaqii keessatti Mana Barnoota sadarkaa 1ffaa ijaarsisaa ture eebbisiiseera.

Manni Barumsichaa Birrii miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 30 oliin ijaarrame jedhameera.

Eebbi mana barumsichaa Bakka Hundeessaa Waldaan Araaraa Addunyaa Waaqayyoo Raajii Masarat Tayyee fi kantiibaa Magaalaa Naqamtee Obbo Tooleeraa Raggaasaa fi hoggantoonni gargaraa argamanitti raawwatameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Tooleeraa Raggaasaa, Waldichi hojii tola ooltummaa garaagaraa Magalichaa keessatti hirmaachaa jiruuf dinqisiifataniiru.

FBC

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply