Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Ololli Barattoonni Yuuunivarsitii Odaa Bultuum, nyaata summaa’ee nyaatanii miidhaman jechuun miidiyaa hawaasaarra naanna’aa jiru soba tahuu yuunivarsitichi beeksiseera.
Daarektarri Daarektoreetii Qunnamtii Alaa Yuunivarsitii Odaa Bultuum obbo Fikaaduu Hirkoo, kaleessa galgalarraa jalqabee miidiyaa hawaasaa gubbaatti oduun Yuunivarsitii Odaa Bultuumitti, barattoonni nyaata summaa’e nyaatanii du’an jedhu soba tahuu bilbilaan OBNitti himaniiru.
Dubbiin sobaa kun kan uumamte barattuun takka dhibee biroo dhukkubsattee mana yaala galtee osoo ciistuu suuraa kaasuudhaan barattoonni nyaata summaa’e nyaatanii du’an jechuun sobaan miidiyaa hawaasaarrati maxxansanii ummata burjaajessaa jiruu jedhan.
Mucayyoon dhibee suuraa isii fayyadamaniis dhibee biroo isii mudate yaalamtee gara kutaa bulmaataa isheetti deebi’uus dubbatan.
Yeroo amma kana wanti odeeffamaa jiruufi dhugaan yuunivarsiticha keessa jirtu wal adda; nagaafi fayyaadhaan barattoonniis barnoota isaanii hordofaa jiruu jedhaniiru.
OBN
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
