Fri. May 24th, 2024
AFAAN OROMOO

Afaan Oromoo akka quucarutti hin biqille – Oromia Communication Bureau

May be an image of tree
Asxaa M/N Oromiyaa

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Baroota hedduuf uummatni Oromoo mirgoonni diimokiraasiifi namoomaa isaa akka kabajamuuf qabsoo hadhaa’aa geggeessaa ture.


Mirga siyaasaa, dinagdee, mirga Afaan isaa barachuu, ittiin dubbachuu, aadaafi duudhaa isaa beeksifachuufi tikfachuuf aarsaan uummanni keenya hin kaffalle hin jiru. Afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan hojii naannichaafi biyyaalessaa ta’ee akka tajaajiluuf qabsoo taasifameen yeroo ammaa kana Afaanichi kaayyoo qabsoo Oromoo dhugoomsuun afaan tajaajila nannichaa ta’uun afaan barnootaa, afaan miidiyaa, afaan mana murtii ta’uun tajaajilaa kan jiru yoo ta’u Afaan hojii mootummaa Federaalaa ta’ee akka tajaajiluuf ammoo hojiin bal’aan kan irratti hojjetamaa jiru ta’uun eenyu duraallee dhokataa miti.


Biyyi keenya biyya sabootaafi sablammootaa ta’uu ishee irraan kan ka’e uummanni ishee jaalalaan wal danda’ee waliin jiraata. Kana keessaatti sabootni afaan ,aadaa, duudhaafi eenyummaa isaanii guddifachuu, ibsachuu, barsifachuu akka danda’aniif mootummaan jijjiiramaa cimee hojjetaa jira. Kanaaf ammoo agarsiiftuun fedhii uummataa giddu galeessa godhachuun yeroo ammaa afaanotni shan afaan hojii federaalaa akka ta’aniif murtoo irra ga’amuu isaati. Kun calaqqee sirna dimokiraasii dhugaafi gaaffii uummataa giddu galeessa godhachuun owwaanna mootummaa agarsiisa.


Afaanni Oromoo yeroo ammaa kana Afaan hojii MNO ta’uun cinatti qo’annoofi qorannoon ittiin geggeeffamuun Yuuniversiitota biyya kanaa keessatti hanga Digirii 3ffaatti barataamaafi barsiifamaa jira.
Afaan Oromoo daanga’ee akka hin hafneefis Finfinnee dabalatee manneen barnoota Naannolee ollaa Oromiyaa jiran keessatti Afaan Oromoon barnootni kennamaa jira.


Akka diinni afaanichaa yaadutti Afaan Oromoo xiqqeessuu, balleessuu, laaffisuufi beekamtii dhowwachuu ture. Afaanichi garuu warra mormituufi gaadduu isaa afaan qabachiisuun qaanessee hanga yaadamuu olitti guddinniifi dagaaginni isaa ariifachuu irratti argama.


Sababiin isaa afaanichi akka hin badneefi akka hin quucarrettu waan biqilee waan as ga’eef.
Egaa fuulduratti Afaan Oromoo sadarkaa Gaanfa Afrikaatti afaan aartii, afaan dinagdee, afaan miidiyaa, afaan siyaasaafi barnootaa akka ta’uuf carraa amma argametti dhimma ba’uun bakka jirru hundatti guddina Afaan Oromoof haa tumsinu!

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply