Thu. May 2nd, 2024

Hojjettoonni Tajaajila nageenya odeeffannoo biyyaalessaa 4 Mana Amala Sirreessaa akka turan ajajame

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Bittaa simmintoon walqabatee Birrii miiliyoona30 ol seeraan ala faayidaa dhuunfaaf oolchaaniira jedhamuu kanneen himataman hojjettoonni Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa 4 Mana Amala Sirreessaa akka turan ajajame.

Himatamtoonni kunneen Ittaanaa Daayrektara Loojistiksii fi Konistiraakshinii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Obbo Tasfaayee Damee, Itti Gaafatamaa Kutaa Bittaa Loojistiksii fi Konistiraakshinii Obbo Ashannaafii Tasfaayee, Ogeeyyii Bittaa dhaabbatichaa kan ta’an Tuujubaa Qalbeessaa fi Musxafaa Muusaa ta’uun eerameera.

Himatamtoonni kunneen fedhii bittaa Dhaabbata Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa utuu hinqabaatiin, ajajaa fi beekkamtii dhaabbatichaan ala faayidaa hinmalle argachuuf, bittaa simmintoo kuntaala kuma 29 fi 200 gaggeessuun, guyyoota garaagaraatti namoota dhuunfaatti gurguruun Birrii miiliyoona 30 faayidaa dhuunfaaf oolfataniiru jedhamuun aangoo seeraan alaa fayyadamuun yakkaa malaanmaltummaa cimaan abbaa alagaan himatamuun ni yaadatama.

Dhimmi himatamtootaa kun har’aa Mana Murtii Olaanaa Federalaa Ramaddii Lidaataa Dhaddacha 3ffaa Yakkaa Malaanmaltummaatti dhiyaachuun dhimmi isaanii kan ilaalame yoo ta’u, himatamtoonni yakkicha hinraawwannee jechuun waakkatanillee raga baatota eeguuf dhaddachichi kan gaggeeffameedha.

Bulchiinsi mana murtichaa waamicha raga baatotaa waan hinbaafneef raga baatonni utuu hindhiyaatiin hafaniiru.

Abbaan alangaa himannaa banes waamichaa bilbilaan haa buluun akka dhiyeessu dhaddachichaaf ibseera.

Dhaddachichis raga baatota dhaggeeffachuuf beellamaa haa buluun qabeera.

Himatamtoonni rakkoo fayyaa fi soda nageenyaan bakka turtii yeroo Poolisii Federaalaa Abbaa Saamu’eel turuun nuuf haa eeyyamamu jechuun dhaddacha gaafataniiru.

Abbaan alangaa himatee garuu, bakkii turtii yeroo Abbaa Saamu’eel bakka qubannaa shakkamtootaa Poolisii Federaalaa malee kan himatamtootaa akka hintaane ibsuun himatamtoonni afranuu rakkoo fayyaa akka qaban ragaan hanga hinmirkanoofnetti bakka turtii yeroo tursiifamuun sirrii miti jechuun falmeera.

Manni murtii dhimmicha hordofus iyyaannaan dhiyaate ragaan kan deeggaramee waan hintaaneef fudhatama akka hinqabne ibsuun Mana Amala Sirreessaa Finfinnee akka turan ajajeera.

Maddi: FBC Afaan Oromoo

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply