Preezidaantiin Oromiyaa duraanii Doktar Lammaa Magarsaa boqochuu Artist Alii Birraatiin gadda itti dhagahame ibsan.

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa 
Aliin bu’uureessitoota qabsoo Oromoo ammayyaa bifa ammayyaan muuziqaadhaan qindeessan keessaa hayyuu hangafa jedhu Doktar Lammaan.

Ummatoota gaanfa Afrikaa keessati cunqurfamaa turaniifis sagalee ta’uun nama jaalala horate jechuun ibsan.
Walaloo fi yeedaloon isaa sagalee kiilolee isaatiin dhiyaachuun qilleensa bilisummaa fi jaalalaa ta’uun Oromiyaa jaarraa walakkaaf tajaajilaa tureera kan jedhan Doktar Lammaa Magarsaa, Oromiyaa fi jaalala biyyaa qora qalbii uummataa keessatti ijaareera jedhan.
Preezdaantiin duraanii Oromiyaa kun Aliin barsiisaa Oromummaati jedhu.
“Barsiisaa Haqaa fi obbolummaati, Baran Oromiyaa gaggeessaa turetti hayyoota dhiyeenyaan na gorsaa, na utubaa, na sirreessaa turan keessati” jedhu.
Oromoo fi Saboonni biroo hayyuu guddaa dhabani, ta’ullee Aliin ilmaan hedduu guddiseera, sanyiin inni facaaase ija godhatee jira jedhan.
Hojiiwwan isaatiin tarree duraa gootota keenyaa keessatti yaadatamaa tura. Ni leellifama. Qaaliiwwan akka Haacaaluu Hundeessaa, Nuhoo Goobanaa, Daadhii Galaan, Usmaayyoo Musaa, Eebbisaa Addunyaa fi kannee biroo waliin bara baraan faarfama jedhan doktar Lammaan Magarsaa.
Maddi: OMN
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w
