Sat. May 18th, 2024

Gareen aartii Jimmaa faaruu ‘Bunnaa bunnaatiin’ dhalootaan yaadataman

GETTY IMAGES

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Gareen aartii daa’imman guddattuu Jimmaa ganda Bossaa 4, faaruu bunaa kan ‘Bunnaa Bunnaa’ jedhamuun beekamu kan sammuu fi onnee lammiilee Itoophiyaa heddu keessaa hin bannedha.

Kana qofas osoo hin taane faaruulee hawaasummaa fi siyaas-dinagdee biroo 60 ol qopheessuun dhiyeessaniiru gareen kun.

Garee aartii kana hundeessudhaa jalqabee walaloo fi yeedaloo barreessun garicha keessatti hirmaataa kan turan Obbo Taarraqeny Wandimmuu dhimma faaruu bunaa fi aartiwwan garaa garaa garichi gumaache ilaalchise BBC waliin turtii taasisaniiru.

Bulchiinsa mootummaa Dargii keessa ALI bara 1969’tti eegalmuun bara 1970 kan hundeeffame gareen aartii daa’imman guddattuu Jimmaa kun, faaruu jalqabaa saanii ‘Le Abiyootee’ jedhu magaalaa Jimmaatti dhiyeessan.

Isaanin boodas, guutummaa Itoophiyaa keessa naanna’uun dhimmoota siyaas-dinagdee fi hawaasummaa gara garaarratti faaruu dhiyeessaa akka turantu himama.

Obbo Taraqeny akka jedhanitti, uummata Itoophiyaa biratti faaruu bunaatiin sirriitti beekaman illee walaloolee 60 ol qopheessuun faarfataniiru.

Faaruuwwan kanneen keessaas wallakkaan ol kan ta’an dhaabbata televizyinii fi raadiyoo Itoophiyaatiin waraabamuun akka olkaa’aman kaasaniiru.  

Gareen aartii guddattuu Jimmaa kun akkamiin hundeeffame?

Gareen aartii kun ALI bara 1969’tti wixineeffamuun Fulbaana 2 bara 1970tti ifatti ochii jalqabutuu himama.

“Ayyaana warraaqsaa Fulbaana 2 kabajamuuf jecha leenjiin hiriiraa dirree kubbaa miilaa Kittoo Jimmaa jedhamutti taasifama ture. Namoonni naannawaa saniis gara galgala bahuun leenjicha daaw’atu turan.”

“Anis haaluma kanaan leenjii hiriiraa ayyaana warraaqsaatiif taasifamu daaw’ataa waanan tureef, …. daa’imman qaxalee fi jajjaboo 30 kan umuriinsaanii waggaa 8-15 gidduu turan fo’uudhaan walaloo barreessee isaan leenjisuu jalqabe,” jedhu Obbo Taarraqeny.

Gareen aartichaas ayyaana warraaqsa ALI Fulbaana 2, 1970’tti faaruu isaa jalqabaa kan ta’e, ‘Le Abiyootee’ kan jedhu dhiyyeessuun dinqisiifannaa olaanaa argatee ture,” jechuun hundeessaan garee aartichaa, barsiisaan Taarraqeny.

Faaruun jalqabaa, Le abiyootee jedhu waa’ee warraaqsa siyaasaa mootummaa sooshaalistii yeroo sana ture kan faarsu yoo ta’u, haala armaan gadiitiin barreeffame:

Le abiyootee—– warraaqsa kootiif

Le abiyootee—– warraaqsa kootiif

Yifsas dame—— yaa lola’u dhiigni koo

Yirgef axintee- yaa caccabu lafeen koo

Faaruun kunis barattoota sadarkaa tokkoffaa magaalaa Jimmaa keessa jiran maraan faarfatamaa akka tures ni dubbatu barsiisaa Taarraqeny.

Erga faaruu kanaan dinqisiifannaafi kaka’umsa guddaa argataniin boodas ijoolleen miseensa garee aartii guddattuu kun, “yeroo daandii irratti na argan mara ‘faaruu biraas nuuf barreessi’ jechuun na gaafachaa turan.”

“Ana keessas fedhiin aartii ani hin barre waan tureef kaka’umsa natti uume,” jechuun himu.

Gareen aartii kun magaalaa Jimma irra darbuun qophii gara garaarratti ergaawwan ilaalcha mootummaa yeroo sana tureetiin walsimatu hedduu kutaalee biyyattii keessa naanna’uun dhiyeessaa turan.

Yaadannoo faaruu ‘bunnaa bunnaa’

Gareen aartii guddattuu Bossaa Jimmaa taateewwaniifi yaa’iiwwan gurguddoo irratti hojii isaanii dhiyeessaa turan.

Yeroo sana sagantaa Ministeerri Bunaafi Shaayii irratti argaman tokko irratti gareen aartichaa faaruu dhiyyeessaa turan.

Obbo Taarraqeny, ministeerichis waan waltajjicha irratti arganitti daran waan gammadaniif, “faaruu buna ilaallatus otoo qopheessanii maal qaba?” yaada jedhu bulchaa kutaa biyyichaa yeroosiitiif akka kaasanii turan himu.

“Sana booda bulchaan yeroo sanaa waajjira isaaniitti na waamuun yaada ministeerichaa natti himan” jedhu.

Achinis, torbanoota muraasatti walaloo fi yeedaloo faaruu ‘Bunnaa bunnaa’ jedhu qopheessuun, faarfattoota Jimmaa Bossaa leenjisuun bara 1971’tti waltajjii irratti dhiyeessan.

Faarun Bunnaa Bunnaa jedhu erga waltajjii irratti dhiyaaten booda akka malee dinqisiifannaa guddaa argachuu himu Obbo Taarraqeny.

Isaan boodas, garee aartii guddattuu daa’immanii Bossaa Jimma beekamtii argachuu irraan kan ka’e, bakka deeman maratti “warra bunnaa bunnaa” jedhamanii waamamuu eegalan.

Faaruun bunaa gareen, keessumaa Reediyoo Itoophiyaa keessaa Bunnaa Bunnaa isa jedhuun namoonni baay’en yaadatan akkas jedha:

Ye gabi mincaachin bunnaa bunnaa——— [madda galii keenyaa buna buna]

Ye ikkoonomii waaltaa bunnaa bunnaa—— [utubaa dinagdee buna buna]

Ye idgataachin gambii bunnaa bunnaa—— [guddistuu misooma keenyaa buna buna]

Awutaar naw bunaachin bunnaa bunnaa—-[lafee dugdaa keenya bunni keenya buna buna]

Ba alam gabayaa ye wucci minizaaree —— [gabaa addunyaarratti biyyaaf galii kan argamsiisu buna buna]

lehagar yemiyaasganyaw bunnaa bunnaa

Faaruun bunaa kun erga bahee bara 1971 irraa kaasee Ministeerri Misooma Bunaa fi Shaayii waggoota 25 oliif gatii bunaa beeksisuuf seensaa fi cufinsa sagantaa taasisee itti gargaaramaa akka ture himu Obbo Taarraqanyi.

Haata’u malee jedhu Obbo Taarraqeny, ministeerichi huccuu bifa bunaa qabu bituun garee aartichaatiif kennuun alatti homaa akka hin gumaachineef komatu.

Ministeerri bunaaf shaayiis ta’ee dhaabbileen biizinasii biroo hedduun heeyyama tokko malee faaruu bunaatti akka fayyadaman kan kaasan

Obbo Taarraqeny, faarfattoota garee aartichaatiifis ta’ee isaaniif beekamtii fi faayidaan dhabamuun akka isaan mufachiise miira aariitiin dubbatu.

ALI bara 2004tti guyyaa bunaa Magaala Aggaarotti qophaa’erratti amma ministera Muummee kan ta’an Dr. Abiy Ahmad beekamtii kennaniifi akka turan yaadatu Obbo Taarraqany.

Bara kana Itoophiyaan buna biyya alaatti ergite irraa yeroo duraatiif doolaara biliyoona 1.2 argachuutti akka gammadan kan dubbatan barreessaan walaloo fi yeedaloo faaruu bunaa, “biyyaaf oolmaa guddaa oolen dagatame” jechuun komii qaban ibsatan.

Suuraan kan BBC Afaan Oromooti.

Gareen aartii kun hojiiwwan aartii biroof akkamii gumaachan?

Faaruun bunaa daran beekamuu fi yeroo dheeraaf miidiyaarra turuu isaa irraan kan ka’e gareen aartichaa hojilee aartii 60 ol qopheessuun dhiyeessanii akka turan yaadatu.

Keessumaa hojiilen aartii bebbeekamoo isaan hojjatan: La abiyootee (warraaqsa kootiif), Inhid wadafiit (yaa deemnu gara fuulduraa), Aalle ganaa (jira ammallee), Barraa barraa (ife ife), Xiqur Inquu (qaalii gurraacha), La alam salaam (nagayaa addunyaaf), Jagnaaw (gooticha), Dirrib Ciqqonaa (cunqursaa dachaa), Xeeninnat mabtaachin (fayyaan mirga keenya) kan jedhan fa’aa warra angafoota.

Faaruuwaan kanneen keessaas walakkaan ol kan ta’an televizyinii fi raadiyoo biyyaalessa Itoophiyaatiin waraabamuun dhiyaataa turan.

Erga sirnni Dargii kufeen booda faaruu bunaatin alatti hojiileen aartii biroo hafuu isaanii dubbatu Obbo Taarraqany.

Hojiiwwan aartii isaanii siyaasa yeroo sanaatiin akka walqabatan ta’us, kan dhaloota har’aa barsiisuufi bohaarsuu danda’anis hedduun akka turan yaadachiisu.

Ergaawwan siyaasa bara Dargiitin cinaatti, yaada misoomaa, tokkummaa, gootummaa, jaalala biyyaa, qulqullina, fayyaa, barnoota, nagaafi mirga dubartootaa irratti akka xiyyeeffatu himu.

Gareen aartii kun guutummaa Itoophiyaatti hojiilee aartii isaanii dhiyeessun beekamtii argachuu irraa kan ka’e masaraa mootummaatti affeeramuun Koloneel Mangistuu Hayilamaariyaam waliin irbaata nyaataniiru.

Mootummaan Dargii Raashiyaa waliin hariiroo siyaas-dinagdee cimaa qabaachuu irraa kan ka’e lammiileen Raashiyaa manneen barnootaa magaalaa Jimaatti barsiisaa turuu yaadatu.

Maarree, Obbo Taarraqany faaruu Amaariffaan barreessanii barsiisota Raashiyaatif yoo kennan kan Raashiyaa ammoo isaan harkaa fuudhun wal jijjiiranii weellisu turan.

Obbo Taarraqany faaruu Raashiyaa ammallee kan yaadatan yoo ta’u hiika isaa garuu dagadheera jedhu.

Gareen aartii kun akkamiin diigame?

Gareen aartii guddattuu daa’immanii Bossaa Jimmaa hundeeffama isaa irraa eegalee hanga bara 1974’tti jaalatamummaa fi fudhatamummaa guddaan dalagaa turanis, booda miseensonni garichaa gara umurii dargaggummaatti waan guddataniif bara 1975tti dargaggoota gandoota biroo waliin aartii waldaa dargaggoota warraaqsa Itoophiyaa kutaa biyyattii kan ‘Ayiyoomaa’ jedhamuun beekamu jalatti akka gurmaa’an taasifamee ture.

Seenaan aartii daa’imman guddattuu Jimmaa ganda Bossaa afuriis achuma irratti dhumachuu dubbatu Obbo Taarraqeny.

Erga gareen aartii daa’imman guddattuu Bossaa Jimmaa diigamuun artistoonni garichaas gara aartii waldaa dargaggoota warraaqsa Itoophiyaa kutaa biyyattii jalatti gurmaa’anii leenjisaa ta’anii ramadamuu kan dubbatan Obbo Taarraqeny, haalonni rakkisoon uumamuu fi gareen sunis diigamu yaadachiisu.

Leenjisaan kun ajajoota siyaasaa yeroo sana turan waliin waliigaltee dhabuun gara hojii barsiisummaa isaaniitti akka deebi’an kaasaniiru.

Adaanech Mokonnin, miseensota garee aartichaa jalqabaa keessaa tokko yoo taatu, “Nuti reefu dardara turre; namoonni amala adda addaa qaban kan umurii keenyaan ol ta’an hedduun waan turaniif isaan waliin waliigallee akka duraatti itti fufuu hin dandeenye,” jechuun haala rakkisaa ture BBC’tti himteetti.

Miseensonni garichaas aartii keessaa harca’uudhaan karaadhuma mataa mataa isaanii jireenya mo’achuudhaaf socho’aa akka turan yaadachiisu.

Isaan keessaas ammatti namoonni torba magaalaa Jimmaa kan jiraatan yoo ta’u kaan ammoo biyya alaa dabalatee kutaalee biyyatti gara garaa keessa akka jiraatan, kaan ammoo lubbuun akka hin jirre himu.

Bu’aa ba’ii faarfattoota garee aartii daa’imman guddattuu Jimmaa Bossaa Afur?

Miseensonni duraanii garee aartii guddattuu daa’immanii Bossaa Jimmaa BBC waliin turtii taasisan sadan: Shibbirowaa Dassaaleny, Adaanech Mokonnin fi Sisaay Balaay maatii horachuun bakkuma itti hojii aartiitiin ijoollummaadhaan itti beekaman magaalaa Jimmaa keessa jiraataa jiru.

Barnootatti qaxalee akka turan kan kaasan artistoonni kunneen, yeroo sana waan hundumaan olitti hojii aartichaaf ofkennanii jiraataa akka turan yaadachiisu.

Maatii fi barnoota isaanii caala sammuu isaanii qabatee kan ture hojii aartii ta’uu kan kaasan miseensonni kunneen yeroon soorata illee haalaan itti nyaatan waan qabneef sukkaara baattatanii deemuun yeroo beela’an akka bu’atan yaadachiisu.

Yeroo sana jaalala addaa aartiidhaaf qabaniin roobas ta’ee aduun, beelas ta’ee dheekkamsi maatii isaanii akka isaan hin daangessinellee kaasu.

“Jiraattonni magaalaa Jimmaa akka ijoollee isaaniitti nu ilaalu; yeroo daandiirra deemnu namni nu waama, jaalalasaa nuu ibsa.”

“Yeroo leenjii irraa deebinu hunda eegumsaan hanga manatti nu geessu,” jetti Adde Adaanach.

Obbo Taarraqeny yeroo ammaa maallaqa sooramaatiin haala jireenyaa rakkisaa ta’e keessa jiraachaa akka jiran dubbatu.

Maddi: BBC News Afaan Oromoo

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply