Kitaabni Og-Aartii Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee qabiyyee dogoggoraan qophaa’ee ture sirrateera-Abiyoot Ayyalee
Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Kitaaba Og-Artii kitaaba Barataa Kutaa 7ffaa irratti Siidaa Gooticha Artist Hacaaluu Hundeessaa Yunivarsiitii Ambootti hojjetame ilaalchisee barreeffamni dogoggoraa barraa’ee Manneen barnootaaf raabsamee ture. Dogoggorichi miira addaa keessa nama galcha. Dhimma Hacee irratti wanti negatively barreeffamu nama dhukkubsa.
Dogoghorichi akkamitti uumame? Eenyutu uume? Eenyu qopheesse? Eenyutu gulaale?…gaaffilee jedhan BBF qorachuun ifa gochuu qaba jedheen yaada. Kitaabilee biraanillee sakatta’amuu qabu. Sirriitti gulaalamuu qabu jedheen amana.
Dogoggora guddaa amma uumame kanaaf garuu Biiroon Barnoota Finfinnee sirreeffama barbaachisaa akka kenne Biiricha irraa odeeffadheen jira. Kun tarkaanfii gaarii dha; haata’u malee kitaabileen kun gara manneen barnootaatti raabsamanii waan jiraniif sirreeffamni dabalataa taasifamuu qaba. Kitaabileen sirreeffamni irratti taasifaman hatattamaan raabsamuu qabu.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w