Bosona Cillimoo Beektuu?



Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Bosonni Cillimoo Gaji, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti kan argamu yoo ta’u, bosonni kun Finfinnee irraa kiiloomeetira 82 fagaata.
Magaalaa Amboo irraa kiiloomeetira 41, Magaalaa Giincii irraa ammoo kiilooomeetira 7 fagaatee argama.
Bosonni Cillimoo Gajii bosona ummamaa lafa heektaara kuma 11 bal’atudha.
Bosona kana daawwachuuf daandiin konkiriitii Asfaaltii Magaalaa Giinciitii kaasee hanga bosona kanaatti geessuufi bosonicha keessa qaxxaamuruun aanaalee akka Jalduu, Cobii, Abuunaa Gindabaratfi Gindabaratitti imalchiisu kan jiru yoo ta’u, bosona kana keessa daandiin biroon hin babal’anne.
Bosonni umamaa Cillimoo, mukkeen umuriin isaanii waggoota 400 ol lakkoofsisan of keessatti qabateera.
Bosona kana keessa bineensota akka Leencaa, Qeerrenasa, Bosonuu, Jaldeessaa, Weennii, Qamaleefi kkf keessatti argamu.
Gosoota mukkeenii kanneen akka Harbuu, Waddeessa, Birbiirsa, Gaattiirraafi kkf mukkeen bosona kana keessattu argaman keessaayi.
Mana keessummaa keessatti keesumeessan maatii mootota duriif ijaaramee tureelleen bosona kana keessatti argama.
Yeroo Weerara Xaaliyaanii Muka guddaa waardiyaan irra taa’ee diinaa eegu fi Sibila ittiin muka koran bosona kana keessatti argama.
Bosonni kun tuuristoota bosona daawwatan, naannoo ilaaluun bashannanuu barbaadaniif heddu mijataadha.
Maddi: Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w