Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti Meeshaleen Waraanaa Seera Alaa Magaalaa Bahardar irra gara Magaala Finfinneetti geeffama ture Sakatta’insa taasifameen to’annoo Jala Ooluu Isaa Qajeelchi Poolisii Magaalichaa Beeksise.
Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Konkolataa Land kiroozarii lakk. gabatee AA 3-06528 ta’een gaafa guyyaa 25/04/2015 Magaalaa Bahardar irraa gara Magaalaa Finfinneetti osoo deema jiru, Iddoo sakatta’insa Seensa Magaalaa Sulultaa irratti halkan keessa sa’aa 4 irratti Shugguxiin Turkii 14 seeran ala daddabarfama ture qaamoleen nageenyaa to’annoo jala oole jira. Dabalataanis Konkolataa uummata TATA ta’e tokko gaafa guyyaa 19/04/2015 Magaalaa Bahardar Irraa gara Finfinneetti deema ture Rasaasa Kilashii 100 geejibsifama osoo jiru to’annoo jala olusaas himameera.
Yeroo meeshalee kun daddabarfamaniis qarshiin goyyomsanii darbuuf yaaluun kan ture yoo ta’u, qarshiin 10,000 illee waliin to’annoo jala oolu danda’e jira.
Daarektarri Qajeelcha Poolisii Magaalichaa Komaandar Dammaqaa Abbabaa akka jedhanitti Hojiin nageenya mirkaneessu Uummatan ala hin mirkanaa’u, meeshaleen daddabarfama jiran kun nageenya uummata booressuuf, akkasumas fuldurri Ayyaanota waggaa dhufaa jiran jeequf yaadame nanneffama waan jiruuf uummanni keenya hirmannaa isaa cimsee odeeffannoo barbaachisa kennuun nu waliin hojjechuu qabu jedhan.
Nagaan hunda keenyaaf!
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa Poolisii Oromiyaa irraa yoo argachuu feetan:
?????? ?????? C?????????
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w