Barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Fudhataniif Haalli Geejjibaafi Simannaa Yunvarsiitiiwwanii Qophiin Xumurameera.

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ministeera Barnootaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun Qorumsa Biyoolessaa Kutaa 12ffaa barattootni Naannoo keenyaa hanga danda’ameen Yunivarsiitiiwwan Naannoo keenyaa keessatti akka qoraman marii taasifneen walii galteerra geenyeera.
Haaluma kanaan heddummina barattoota keenyaarraa kan ka’e 95% Yunvarsiitiiwwan Oromiyaa keessatti argamanitti yoo qoraman 5% Yunvarsiitiiwwan ollaa Oromiyaa ta’an kanneen akka Hawaasaa Gaambeellaa Dirre Dawaafi Jigjigaatti raabsamanii akka qorataman haalli mijaa’eera.
_Barattoota qorumsa fudhatan fara funvarsiitii qorumsa itti fudhatan geessuufi gara maatii deebisuu koreen sadarkaa Naannoo irraa kaasee hanga mana barnootaa jiru qindoominaan hojjacha jirra.
Koreen sadarkaa Naannoo Oromiyaa hundaa’e kan Itti Aanaa Pirezidantiitiin kan hoggaanamu yoo ta’u miseensotni immoo:
- Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa
- Komishiinii Poolisii Oromiyaa
- Biiroo Dhimma Dargaggoofi Daa’immanii
- Biiroo Barnootaa Oromiyaa
- Biiroo Maallaqaa Oromiyaa
- Biiroo Fayyaa Oromiyaafi
- Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa
yoo ta’an haaluma wal fakkaatuun koreen kun sadarkaa Godinaa Magaalaaa Aanaafi Mana Barnootaatti kan qindaa’e waan ta’eef haal_duree barbaachisu mara xumuruun barattoota gara Yunvarsiitii geessuuf qophiirra jiru.
Barattoota geejjibuun kan jalqabamu Fulbaana 25/2015 irraa waan eegaluuf Barattootni Saayinsii Hawaasaa (Social Science) Baratan akka qophaa’an beekameera - Barattootni Saayinsii Hawaasaa Baratan hanga Fulbaana 28/2015 tti mooraa Yunivarsiitii ni galu.
Fulbaana 29/2015 odeeffannoon qorumsaa(orientation) ni kennama.
Fulbaana 30 hanga Onkololeessa 02/2015tti qorumsi ni kennama.
Onkololeessa 03-04/2015 barattootni gara maatii isaanii ni deebi’u.
_2. Barattootni Saayinsii Uumamaa(Natural Science) Baratan immoo:
- Onkololeessa 05-06/2015 gara mooraa Yunivasiitii yoo galan
Onkololeessa 07/2015 odeeffannoon qorumsaa(orientation) ni kennama.
Onkololeessa 08 -11/2015 qorumsi yoo kennamu
Onkololeessa 11/2015 jalqabee barattootni Saayinsii Uumamaa gara maatii isaanii geggeeffamu.
_Yunvarsiitiiwwan Barattoota simachuuf qophii xumuraniiru
- Balbala Yunvarsiitii irraa jalqabee ni simatu
- Bakka hirriibaa( ciisichaa)/ Sireefi Firaashiin qophaa’eera
- Nyaatni qophaa’eera
- Manni yaalaa qophaa’eera
Walumaagalatti Yunvarsiitiiwwan keenya barattoota keenya guutumaa guutuutti kunuunsuuf waan qophaa’aniif Barattootnifi Maatiin Barattootaa akka homaa hin yaadne dhaamsi dabarfameera.
_Barattootni Gara Yunivarsiitii yoo dhuftan wanti qabachuu qabdan:
- Waraqaa eenyummaa kan Gandaa
- Addimison Card (Waraqaa eenyummaa Qorumsaa)
- Qalama(pen)
- Irsaasii(pencil)
- uffata Halkanii
_Barattootni Gara Yunivarsiitii yoo dhufan kan qabachuu hinqabne ykn wantoota dhoorkaa ta’an immoo
- Moobayilii
- Kalkuletarii
- Sa’aatii harkaa
- Meeshaalee Elektrooniksii kamiyyuu
qabatanii dhufuun dhoorkaadha.
#_Hubachiisa
Ramaddiin Barattootaa Waajjira Barnootaa Godinaalee/ Magaalotaa Waajjira Barnootaa Aanooleefi Manneen Barnootaa waan gaheef haaluma ramaddiitiin akka itti deemamu haata’u.
Itti aansuudhaan barattootni keenya qalbiifi tasgabbiin qorumsa keessan akka hojjattan yaboo jechaa;
karaa irra deemtaniif Nagaa Mooraa Yunivarsiitii keessatti Carraa Gaarii fi karaa gara maatii irra galtaniif immoo Gammachuu isinii hawwina.
— Carraa Gaarii —
21/01/2015
B B O
Finfinnee
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w