Thu. Dec 7th, 2023

Magaalaa Finfinneetti Ayyaanni Irreechaa har’a irraa eegalee kabajama jedhame

Suuraan: FBC

Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaana Irreechaa guyyaa har’aarraa eegalee hanga Fulbaana 21, 2015tti bifa ho’aan kan kabajamu ta’uu bulchiinsi magaalichaa ibse.

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Guyyaa har’a guutuu magaalichaatti mariin paanaaliifi egzibishiniin kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun guyyaa boruu sadarkaa kutaa magaalaatti mariin paanaalii kan gaggeeffamu ta’uu addeessameera.

Fulbaana 20, 2015 ammoo sadarkaa giddugaleessaatti mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun mariin paanaalii xumuraa kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Fulbaana 21, 2015 Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee abbootii gadaa qofaan gaggeeffamuun kan kabajamu ta’uu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Source Link

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply