Sun. Sep 24th, 2023

Dr.Hayilee Fidaa Kumaa Eenyyuu? Oromodhaf Hoo Maal Hoojjetee?

Dr Hayilee Fidaa

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Dr. #Hayilee#Fidaa Kumaa Dr.Hayilee Fidaa Kumaa Eenyyuu? Oromodhaf Hoo Maal Hoojjetee?

Dheeras Gabaabas hin jedhamu, Diimaa bareedaa,rifeensi luuccaa,angaasun ija isaa kan dukkana meeqa dhabamsiisu,kan hin jarjarree, Sagaleen isaa kan gurra namaatti mi’aawu, umurrii mana 30 keessatti akka namoota 80 keessa jiranitti nama tasgabbi qabu,dubbachuurraa dhaggeeffachu kan dursu,bilchaataa, nama nagaa…..Eenyuu Namni kuni? Gaafii jedhu deebisuuf kuno Seenaa isaa isiniif Dhiheessee dubbisaa!

1.Seenaa Maati isaatif Barnoota Laalchisee=================================Bara 1932/1939 Abbaa isaani Ob.#Fidaa_Kumaa fi haadha isaani Aaddee #Guddinee_Gadaa tirraa Goodina Wallagga Baha bakka #ArjooJimmaa jedhamtutti dhalatan.Haayileen warri isaa baayyee iyyeessaa ture. Abbaan Haayilee mukaa booceet kursii/minjaalaa tolchee gurguraa isaafi obboleeyyan isaa 6 (3 dhiiraa,3 dhalaa) guddise. Bara cunqursaa san keessatti Haayileen maati hiyyummaa akkana kana qaban keessaa bahee nama beekamaa akkanat ta’a jedhee namu hin yaadu. Baraa ilmaan fuudaali malee ilmi hiyyeessaa keessattu warri akka Haayilee kan ilmaan Oromoo ta’aniif carraan barumsaa hanga gaalaa qaawwaa lilmootin hulluuqsisuu waan ulfaatuf. Hayileen kutaa 1-5 mana barumsaa #Bittiwaddad_Makonnin jedhamu Arjootti baratan. Kutaa 6-8 mana barumsaa #Qadamaawwi_Haayileessillaasee kan bara san Naqqamtee keessatti argamutti baratan. Qormaataa kutaa 8 erga dabarraan garaa Finfinnee deemee waggaa shaniif mana barnoota sadarkaa lammaaffaa #Jeneraal_Wiinget jedhamutti baratan. Haayileen qormaataa kutaa 12 fudhatee barnoota #subject 12 keessaa ’10A’ fidee ‘2B’ fiduun xumuree. Garuu, waan Oromoo ta’eef sochii barattoota waan gaggeessa tureef akka Yunivarsitii seenee barnoota isaa itti fufnee ni adabamee. Akka barsiisaa ta’ee hojjetu garaa Harargee Bahaa #Dadaritti ergamee. Achitis Haayileen barattootaf hawaasa motummaarratti kakaasu itti fufee. Gochii Haayilee kun kan isaan dhibee hoggaantootni mootummaa bara sani Haayileen waan ijoollee ta’eef ittiin sossobanna jedhani waggaa tokko boodaa Dadarirraa Finfinneetti deebisani yunivasitii akka seenee baratu godhan. Waggaa afuurif barnoota #GeologyfiPhysics baratee barnoota hunda #A_ykn_Qabxii4 fidudhan tokkoffaa bahee eebbifamee.

Akka eebbifameenis barsiisaa Yunivarsiti ta’ee waggaa tokkoof erga barsiisee boodaa Haayileen barattootaa motummaarratti kakaasun isaa mataa waan isaan dhukkubseef ofirraa fageessuf jecha gara Biyyaa Faransaayitti barnootaf ergan. Achittis Digiiri lammaffaa #SociologyAndSocialAnthropology barachaa jiru barattoota Itiyoophiyaa bara san Awurooppaa keessaa jiran hunda mootummaarratti ijaaree sochi cimaa godhu jalqabee. Gochi Haayilee kuni kan mataa dhukkubbi qorichaa hin qabnee mootummaan Nafxanyaa Haayileerraa Paaspoorti fudhatee akka barnoota isa itti fufnee godhee. Haayileen garuu barnoota isaatis ta’ee qabsoo isaa itti fufuuf duubatti hin deebinee. Mana barnootaa Faransaay keessa turee #EkolNaasiyonalDelanziOriyeental jedhamu keessatti qaxaramee barsiisaa barnoota isaa hanga digirii sadaffaatti #PHD xummuratee.

2.Qabsoo Haayileen Awurooppaa Keessatti Godhee==================================Haayileen mootummaan Itiyoophiyaa Paaspoortaa isaa irraa fudhatus qabsoo mootummaa Itiyoophiyaarratti godhu cimseet itti fufee.Kanas haaloota bara san fayyadamuu qabu sadi fayyadameeti.Tokkoffaa ilmaan cunqurfamtootaa jechun barattootaa Itiyoophiyaa mootummaarratti ijaarudhan gara qindoominatti jijjiiree jarmayaa Siyaasaa #Mee‘isoon jedhamu ijaaree sochi jalqabee.Lammaffaa, Gaafii Uummataa Oromoo Awurooppaa keessatti kaasudhaan faranjootaaf barattoota Afrikaa dammaqsuu jalqabee. Haala kanaaf akka mijaawuf meeshalee itti qabsoo sammuu godhu mijeeffatee. Barruu akka gaafitti qopheeffatee “Afaan Oromoo barreessuf qubee Laatinimoo Qubee Gi’zii fayyadamuutu wayyaa?” Jedheet barattoota Itiyoophiyaatitti dhiheesse. Warri habashaa taatee akka hantuuta adurreen itti dhufteetti rifattee gumgumtee. Ijoolleen Oromoo garu ‘Haayilee leencaa Keenyaa jabaadhu itti fufi nutu si wajjin jira’ jedhaniin . Kun kan ta’ee bara 1972 . Bara 1973, qubee 35 qubee laatiniirraa uumee qubee kanan seerlugaa afaan Oromoo barreessee. Maqaan kitaabaa kanaatis #HirmaataDubbiiAfaanOromoo jedhama.San boodaa, Haayileen seenaaf afaan Oromoo barattoota Oromootif faranjootaa barsiisu itti fufee.Sadaffaa, Haayileen waan humnaa ol ta’ee tokko waan humna qabu biraatti hirkatini ofirraa hoo dhiiban akka ba’aa namarraa salphisu waan hubateef, sochii warraa sooshaalistoota keessaa seenee barreessaa olaanaa paarti siyaasaa #FrenchSocialistParty ta’ee. Achii keessattis Haayileen faranjii hunda unkuree faranjoonni hundi rabbii gaditti namni hanga Haayilee hin jiru jechuun seenaa isaa Awurooppaa gututti facaasan. Keessaattu, biyyaa Faransaayi keessatti Gazexeessitootni maqaa Haayileetifi waan inni dubbattu barreessu hojii godhatan. Kunimmoo, mootummaa Itiyoophiyaatif Mootummaa Faransaayi baayyee waan yaaddesseef Haayilee adamsuu itti fufan. Haalli kun itti cimee jennaan Haayileen hadha mana isaatif ilmaan isa dubra lama Faransaayitti dhiisee Jarmanitti baqate. Biyyaa Jarmanitti barreessaa Embaasi Itiyoophiyaa kan ta’e ob.#Alamaayyoo_Abbabaa Hayileedhaf paaspoorti dhoksee ergeefi #HambargUniversity keessatti barsiisaa turee.

Maddi Kiyya fuula: Oromo Research Foundation – ORFO

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply