Wed. Sep 20th, 2023

Biiroon Barnootaa Oromiyaa firii qormaata kutaa 8ffaa bara 2014 ifoomse

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Bara barnootaa 2014tti barattoota kuma dhibba 4 fi kuma 51 fi 25 qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhachuuf galmaa’an keessaa barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 43 fi 526 qormaaticha fudhataniiru.

Barattoota qoramaata fudhatan walii galaa keessaa barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 21 fi 779 (95.09%) qabxii darbiinsaa argatanii gara kutaa 9ffaatti darbuu I/A Hoogganaa BBO Obbo Girmaa Baayisaa ibsa miidiyaaleef laataniin ibsaniiru.

Naannawaa horsiisee bulaan ala qabxii darbiinsaa dhiiraaf 50 fi dubartootaaf 47 ta’uu himaniiru.

Naannawaa horsiisiisee bulaatti ammoo qabxiin darbinsaa dhiiraaf 47 yoo ta’u, barattoota dubaraaf 44 ta’uu, Qabxiin darbiinsa barattoota fedhii adda kan dhiiraa 44fi dubaraaf 41 ta’uu Obbo Girman himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2015 barattoota miiliyoona 11 ol barsiisuuf galmeen kan eegalameen yoo ta’u Fulbaana 9/2015 guutummaa Oromiyaatti barnoonni ni eegala.

Bara kana barattoota miiliyoona 7.5 ol sagantaa nyaataa manneen barnootaan fayyadamoo taasiisuuf haaldureen xumuramuus ibsaniiru.

Barattoonni baasii gara garaaf osoo hin saaxilamin qabxii darbiinsa isaanii karaa toora interneetii http://oromia.ministry.et/#/home jedhuun ilaallachuu akka danda’an biirochi ibseera.

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply