Sun. Sep 24th, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Finfinneetti kiraa manaa dabaluun hindanda’mu

Dambiin kiraa manaa hanga fooyya’utti, gatii mana kiraa dabaluun akka hindanda’me Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Aadde Adaanech dhimmoota wayitaawaarraatti ibsa kennanii, hanga dambiin kiraa manaa fooyya’utti gatii kiraa dabaluun akka hindanda’amne himaniiru.

Magaalichatti qaala’iinsi jireenyaa olaanaan jiraachuu eeranii, gatii kiraa manaa dabaluun dhorkamuu himaniiru.

Bulchiinsa magaalichaa haala addaan ilaalee dambicha hanga fooyyessutti daballiin gatii akka hinraawwanne ibsaniiru.

Kireessitoonnis ta’e kireeffattoonni kana hubachuu akka qaban ibsanii, dhorkii kaa’ame kanneen darbanirrtti tarkaanfii seeraa kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Lammiileenis, mirgaafi dirqamasaanii beekanii akka hojjetan hubachiisaniiru.

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply