Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Magaalaa Jimmaatti rakkoon raabsaa bishaan dhugaatii mudatee ture furamuun rabsaan bishaanii hojii jalqabe.
Rakkoo teeknikaa rabsaa bishaaniin walqabatee uumameen guutummaa magaalaa Jimmaa irraa torbee tokkoof tajaajilli bishaan dhugaatii adda cituun isaa ni yaadatama.


Yeroo ammaa kanatti garuu rakkoon teeknikaa mudate furamee bishaan gadi lakkifamuu isaa WDKM Mgaalaa Jimmaa ibseera.
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti sababa sararri guddaan gara magaalaatti bishaan dhiibu cabeen bishaan magaalaarraa addaan citee ture yeroo ammaa kana suphamee bishaan kan gadi lakkifame ta’uun ibsameera.
Ittigaafatamaan Dhaabbata Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’oo magaalichaa Injiiner Munawwar Huseen akka ibsanitti rakkoon mudate baayyee ulfaataa ta’uu ibsanii, furmaata hatattamaa kennuun bishaan jiraattotaaf dhiyeessuuf jecha ogeessa lammii Faransaay Mr. Nuwel kan jedhamanu yeroo jalqabaas pirojektii bishaanichaa nama hojjete, Finfinneerraa fiduun sarara (ujummoo) guddaa bishaan gara magaalaatti dhiibu cabee ture suphisiisuun yeroof tajaajila kennuu akka jalqabu taasifamee jiraachuu himaniiru.
Injiner Munawwar yeroo ammaa kana bishaan gadi lakkifamee kan jiru ta’uu himaniiru. Haa ta’u malee, bishaan gadi lakkifame mootora tokko qofaan jalqabe waan ta’eef gandoota magaalaa keenyaa hunda bira ga’uuf hanga boriitti turuu akka danda’us ibsaniiru.
Sarara duwwaa ture guutuudhaan hanga guyyaa boriitti bishaan bakka hunda akka qaqqabuu danda’u Injiiner Munawwar himanii, ammas bakka bishaan halkan kana qaqqabuu hin dandeenyetti ummanni obsaan akka eeggatu kabajaan beeksisaniiru.
Koreen hojiraawwachiiftuu magaalaa keenyaa akkasumas hoggansiifi ogeessotni Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’oo magaalichaa rakkoo teknikaa deddeebi’ee mudachuun bishaan akka addaan citu taasisu kana bu’uurarraa furuuf halkaniifi guyyaa hojjetaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanallee dhimmuma kanaaf hojiirra kan jiran ta’uu isiniif ibsina.
WDHKM Magaalaa Jimmaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w