Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Arsiitti hojjattoota 955 irratti tarkaanfiin fudhatame
Godina Arsiitti hojjettoota mootummaa kenna tajaajilaarratti gufuu ta’an 955 irratti tarkaanfiiwwan sirreeffamaa garagaraa fudhatamuu Waajjirri Pabliki Sarvisiifi Misooma Qabeenyaa Namaa Godinichaa beeksise.
Godinichatti rakkoolee kenna tajaajilaarratti danqaa ta’aa turan hanga caasaa gandaatti qorachuun addaan baasuun furmaata kennisiisuurrattis hojiin bal’aan bu’aa argamsiise hojjatamuun ibsameera.
Qorannichaan rakkoolee 1,411 addaa baasuun 1,007 furmaata argachuun himameera.
Rakkoolee kenna tajaajilaa adda bahan keessaa 1100 kan sadarkaa aanaalee yommuu ta’an, rakkooleen 311 kan sekteroota mootummaa godinichaati.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Muhaammad Abdurrahmaan godinichatti fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuuf rakkoolee kenna tajaajilaarratti gufuu ta’an addaan baasuun fayyadamummaa hawaasaa haqa ta’e mirkaneessuun koree taaksiifoorsii hanga gandaatti ijaaruun to’annoofi hordoffii gaggeeffameen rakkoolee kenna tajaajilaa ta’an adda baasuun furmaatas akka argatu gochaa turree jedhan.
Tarkaanfiileen fudhatamanis kunneen of eeggannoo afaanii, barreeffamaa, sadarkaa gita hojii irra gadi buusuu, hojiirraa gaggeessuu, adabbii mindaafi seeratti dhiyeessuun ta’uun ibsameera.
Gara fuulduraattis koreen taaksifoorsii sadarkaan jiru to’annoofi hordoffii cimsuun hoggantootaa lfi hojjattoota rakkoo kenna tajaajila hawaasaarratti danqaa ta’an irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa kan deemu ta’uunis ibsameera jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Godina Arsii Odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.
Maddi: Gaazexaa Bariisaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w