Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Baankiin Awwaash Distiriktiin Kibba Lixaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuudhaan harka qalleeyyii 110’f deeggarsa taasise



Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti Baankiin Awwaash Distiriktiin kibba Lixaa Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuudhaan harka qalleeyyii 110’f deeggarsa taasiseera.
Deeggarsi taasifames zayita nyaataa, ruuzii, daakuufi qarshii callaa (nama tokkoof birrii 500) yemmuu ta’u waliigala qarshii kuma 220’n bitee kan dhiyeesse ta’uu daayireterri distiriktichaa Obbo Yirgaa Yiggazuu ibsaniiru.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Najiib A/Raayyaa saganticharratti argamanii deeggarsicha kennanii, Baankii Awaash galateeffataniiru.
Ittigaafatamtuun Waajjira Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa magaalaa Jimmaa Aadde Roozaa Zaakir dhaabbilee garaagaraa waliin ta’uun yeroo yerootti namoota sadarkaa jireenyaa gadiaanaarra jiran deeggaraa kan jiran ta’uu ibsanii Baankii Awaash galateeffataniiru.
Maddi: Kallacha Oromiyaa
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w