Sun. Sep 24th, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Gatiin Daabboo Dabaluun Uummata Suudaan Hiriira Baase

Hiriira Daaboo - Suudan
Hiriira Daabboo – Suudan

Sudaanooti gatii daabboo %40n dabale mormuun hiriira bahan

Qaamooleen nagaa kabachiisan garuu mormitoota irratti gaazii imimaaneessaa dhukaasuun bittinsuuf yaalan.

Lammiileen biyyattii mormiidhaaf daandiirratti bahanis gatii daabboo fi boba’aa erga yeroo dhihootiin asi garmalee dabale irratti mootummaan furmaata akka barbaaduuf gaafataniiru.

Lammiileen biyyattiis guyyaa kaleessatti mormii kanaaf kan bahan magaalaa guddoo biyyattii Kaartuumii kaasee kanga magaala Daamaaziin kan kibba bahaatti argamtutti ture.

Daamaaziin keessatti ammoo mormitoonni hiriira bittiinsuuf jecha poolisiin namoota hiriira bahan irratti dhukaaseera jedhan.

Sudaan keessatti Dilbata darbe irraa kaasee gatiin dabboo parsantaa 40n akka dabalu taasifameera.

Gatiin boba’aas akkasuma yeroodhaa gara yerootti garmalee dabalaa dhufeera.

Mootummaan Gamtooman akka jedheetti, uummanni Sudaan harki sadi ta’u deeggarsa irratti kan hirkateedha.

Haalli Sudaan keessa jiru cimaa kan dhufe fonqolcha motummaa bara darbe gaggeeffame hordofee yoo ta’u, kunis qaamooleen deeggarsa taasisan hedduun hojiisaan waan adda kutaniif jedhameera.

Lammiileen Sudaan qaalaa’insa jireenyaa mormudhaan addabaabaayiitti yoo bahanis kun kan yeroo jalqabaa miti.

Pirezidaantiin Sudaan duraanii Omaar al-Baashir kan amma hidhaarratti argaman aangoorraa kan kaafaman mormii gatiin daabboo dabaluun walqabtee ilaalchisee mormii hiriiraa cimee dhufuusaatiin wal qabte ture.

Al-Baashir erga fonqolcha mootummaatiin aangoo irraa buufamaniin booda Sudaaniitti nageenyi deebii’u hin dandeenye.

Bulchiinsa siviiliifi waraanaatiin qoodamuun mootummaa ce’umsaatiin bulfamaa kan turte Sudaan bara darbe keessa ammoo fonqolcha motummaa keessumeessite jirti.

Damee waraanaa kan hoggannu Janaraal Abdul Fattaah Al-Burhaan fonqolcha motummaa gaggeesseessanii Ministira Mummee Abdallaa Hamdook aangoorraa kaasuun qofaatti aangoo to’atani illeen hanga ammaatti biyyattii keessatti nagaan deebii’u hindandeenye.

Maddi Odeeffannoo keenyaa BBC dha.

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

By Admin

Leave a Reply