Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Boordiin Filannoo Itoophiyaa Hayyu Dureen ABO hidhaa mana keessaa irraa jiraachuu ibse.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa iyyata paartileen siyaasaa yeroo garaa garaatti dhiyeeffatan bu’uura godhachuun qorannoo taasisaa tureen, Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa mana isaaniitii akka hin baane ugguramanii manatti hidhamanii jiraachuu mirkaneesseera.

Obbo Daawud Ibsaa A.L.I Bitootessa 24, 2013 irraa eegalee, waggaa tokko guutuuf manaa akka gadi hin baane ugguramanii hidhaa dhaabbiirra jiraachuu iyyata paartiin isaanii yeroo garaagaraatti dhiyeesse bu’uura godhachuun gara mana jireenyaa isaanii deemee dhimmicha mirkaneessuu ibse Boordichi.
Gareen dhimma kana qulqulleessuuf Boordichi bobbaase, manni obbo Daawud Humnoota tikaa uffata Siivilii uffataniin to’atamee jiraachuu ibse. Obbo Daawud waliin wal-argee haala isaan mudate qulqulleeffachuufis danda’eera gareen kun.
Obbo Daawud A.L.I Bitootessa 24, 2013 irraa eegalee manni jireenyaa isaanii humnoota mootummaa hidhataniin to’atamuu, akka manaa gadi hin baaneef humnoota kanneeniin ugguramuu isaanii garee kanaaf ibsuu kan eere Boordiin Filannoo Itoophiyaa, kanaanis mirgi bakkaa bakkatti socho’uu isaanii sarbameera jedhe.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa, Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa, Hidhaa Dhaabbii ulaagaa seera kamiinuu fudhatama hin qabnerra jiraachuu ibsuun, gochi kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jedheera.
Komishiniin Poolisii Federaalaa Humnoota Tikaa Mana Obbo Daawud Ibsaatti ramade hatattamaan akka kaasu xalayaan kan gaafate Boordichi, mirgi bakkaa bakkatti socho’uu isaanii kabajamuu qaba jedhe.
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w