Tue. Sep 19th, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Boolli bishaanii Dhaabbanni Bishaan Tooppii Godina Booranaatti qote tajaajila kennuu jalqabe

Godinaalee Oromiyaa hongeen daran miidhamaa jiran keessaa tokko Godina Booranaati.

Sababa hongee godinichatti mudareen qabeenya beelladoota godinichaa miliyoona 6.8 keessassaa kuma 500 ta’an du’uufi namoonni kuma 600 ta’an rakkoo bishaanii kanaaf saaxilamanii jiru.

Mootummaan Federaalaa, naannoo Oromiyaa, dhaabbileen gara garaafi abbootiin qabeenyaa rakkoo bishaanii gidinicha mudatee jiru karaa waaraanis ta’e yeroodhaaf furuuf hojiilee gurguddoo raawwachaa jiraachuu himu bulchaanGodinichaa Obbo Jaarsoo Boruu himaniiru.

Dhaabbanni Bishaan Tooppi rakkoo bishaan gidinichaa karaa waaraa ta’een furuuf baasii qarshii miliyoona shaniin boolla bishaanii qotee namootaafi beelladoota dheebuu baaseera.

Boolli bishaanii kun aanaa godinichaa Dhaas, Ganda Borboritti kan ijaaramee xumuramuun tajaajilaaf ooleera.

Boolli bishaanii kun namoota kuma tokkoofi 500 kan tajaajilu ta’uufi namootarraa hafee beelladoota naannichaas kan tajaajilu ta’uun ibsameera.

Hongeen kun gara beelaatti utuu hinjijjiiramin deggersi rakkoo bishaan godinichaa furuuf qaamolee adda addaatiin taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba.

Dh.P.I

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply