Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Bu’aan qormaata qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 ifoome
Sababoota garagaraatin dheeratee kan ture bu’aan qormaata kutaa 12ffaa bara 2013 ifoomuu Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa beeksiseera.Qormaaticha fudhachuuf barattoota galma’aan kuma dhibba 6 fi kuma 17 fi 991 keessaa %96 kan ta’aan qormaaticha marsaa lamaan fudhataniiru.Waliigalan kumni dhibbi 2 fi kumni 77 kan ta’an dubartoota jedhameera.Soororsi qormaaticha amansiisaa ta’uu fi meeshaalee sakattoo xuxuqqiirra bilisaatiin kaameraawwan poolisii federaa fi seekterichaatin tumsamee of eeggannoon gaggeeffamu ibsameera.
Barattoota dambii qormaatichaa cabsaan 141 irra bu’aa qormaata haquu dabalatee tarkaanfiwwan adda adda fudhatamaniiru.Bu’uruma kanaan barattoonni bu’aa qormaata isaanii:-1.Maarsariitii Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa:- http://result.neaea.gov.et2.Maarsariitii Ministeera Barnoota http://result.ethernet.edu.et3.Bootii Teelegraamii (Telegram Bot):- @moestudentbot linkiwwan kanneen xuquun firii qormaataa isaanii ilaalachuu ni danda’uu.4.
Ergaa gabaaba SMS 9444 irratti lakkoofsa isaanii galchuu ergun bu’aa isaanii baruu ni danda’uu jedhameera.Haaluma wal fakkatuun barattoonni komii qaba liinkii http://result.neaea.gov.et seenuu fi Compliant kan jedhu xuquun komii isaanii unkarratti guutuu akka danda’aan ibsameera.
Source FBC
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w