Wed. Sep 20th, 2023

Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa

Haleellaa miseensonni gosa Murlee Gaambeellaatti raawwatan dhaabsiisuuf Sudaan Kibbaa wajjin waliigalame


Haleellaa miseensonni gosa Murlee Gaambellaatti raawwataa jiran maddasaarraa dhaabsisuuf mootummaa Sudaan Kibbaa waliin waliigalteerra gahamusaa Naannoon Gaambeellaa beeksise.

Ji’oota sadii darbanitti, miseensonni gosa Murlee Naannoo Gaambeellaa lo’anii seenuun haleellaa raawwataniin daa’imman torba kan ugguraman yoo ta’u, namoonni 13 ammoo ajjeefamaniiru.

Hogganaan Waajjira Pirees Seekireetaarii naannichaa Obbo Ogeetuu Adiingi DhPItti akka himanitti, miseensonni gosa Murlee waggaa waggaan waqtii bonaa Naannoo Gaambeellaa lo’anii seenuun namoota nagaarratti haleellaa raawwatu.

Rakkoo kana bu’uurarraa furuuf mootummoonni biyyoota lamaanii waliin waliigalaniiru.

Miseensonni gosa Murlee kunneen akka barmaatileetti gara naannawa biraa lo’anii seenuun saamichaafi haleellaa raawwachuu amaleeffataniiru jedhanii, haleellaa kana dhaabsisuun kan danda’amu otoo gara daangaa Itoophiyaa hinseeniin dura bakka ka’umsasaanii Sudaan Kibbaatti ta’uu dubbataniiru.

Gaazexaa Bariisaa

Nu hordofaa:

Telegram: https://t.me/ethiopianstoday

Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday

Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday

Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1

Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday

YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w

 

Leave a Reply