Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Marii lapheerraa ta’een madaan hin qoorreefi waldhabbiin hin furamne hin jiru” – Ustaaz Kaamiil Shamsuu

Ummanni biyyattii marii biyyaalessaa yaadame kutannoon tumsinaan sababa garaagaraan madaan bal’aa umaameefi waldhabbiin yeroo adda addaa mudatu haalaan kan goolabamu ta’uu Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an Ustaaz Kaamiil Shamsuu hubachiisan.
Ustaaz Kaamiil yaada addatti Dhaabbataa Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, baroota darbanitti fedhii olaanaa siyaasaafi dinagdee to’achuuf turerraa kan ka’e taateen raawwatamaa ture saba tokkoof madda gammachuu, isa kaaniif gaddaa, wanti sabni tokko itti boonu, isa kaaniif qaaniifi kan mataa boquu gad cabsuu ta’ee argameera.Seenaa walsaamuufi loogiin seenaa dhugaa awwaaluun turtii keessa biyyattii gara jeequmsa hamaatti harkisuunsaa marii qopheessuuf dirqamsiisuu danda’eera.
Madda waldhabdee kan ta’e keessaa tokko alaabaa biyyattii ta’uu kan eeran hayyuun kun, alaabaan kun saba biroo biratti miira gammachuun kan ilaalamu ta’us saba tokko tokko biratti garuu mootota darban kan dhiiga qulqulluu garmalee dhangalaasan waliin walqabsiisuun madaa kaleessaa kan yaadachiisu ta’uun dabalata halluusaa osoo hintaane hiikkoodhuma namoonni tokko tokko alaabaa kanatti kennanis hunda kan hirmaachisu waan hin taaneef yeroo garaagaraa falmii kaasuu dubbataniiru.
Gama biroon dhimmi gosa mootummaa biyyi kun hordofuu qabduufi seenaan biyyattii akkuma waliigalaattuu ceephoo jala waan jiruuf tarii dhimmoonni kunneen ijoo marii ta’uus malu jedhaniiru
Akka Ustaaz Kaamiil jedhanitti, ummanni biyyattii waan hedduurratti ilaalcha walfakkaatu hin qabu.Kan isa tokkoof goota ta’ee akka malee faarfamu isa kaaniif diina hamaa akka malee afarfamu ta’ee argama. Ijaarsa biyyaa keessatti seenaan isa tokkoo wayita akkaan leellifamu kan isa kaanii gad qabaan dubbatama. Waldhabdeen akkasii kun ummata biyyattii gidduutti bal’achaa deemuun sadarkaa ija hamaan wal ilaaluurra darbe gara walwaraansaatti ce’uuf qarqararra ga’eera.
Mariin biyyaalessaa kun waggoota hedduu keessatti taate si’a tokko mudatu ta’uun alatti garaagarummaan ummata gidduu jiru ba’aa ta’uusaatiin salphaadhumatti aariifi gaarii waliif qoodanii kan addaan ba’an osoo hin taane marii hunda galeessa hunda hirmaachisuu qabuudha kan jedhan Ustaaz Kaamiil, mootummaan rakkoo kana hubatee seeraa qopheessuunsaa barbaachisaa ta’uun hubatamee ummannis biyyaafi of baraaruuf kutannoon hirmaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
DhPI
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w