Magaalaa jimmaatti Namoonni sadi yakka gowwomsanii Saamuu Raawwatan Hidhaa cimaa woggaa 2’f Baati 9′ fi Qr.Kuma 3’n adabaman
Click gochuun Google News irratti Nu hordofaa
Bulchiinsaagaalaa Jimmaatti namootni qaxxaamuraan duroomuuf gareen qindaa’anii yakka gowwoomsanii saamuutiin qarshii kuma 15 fi mobaayila lama saamanii turan hidhaa cimaa waggaa 2 fi baatii 9’n akkasumas qarshii kuma 3’n adabamaniiru.
Himatamtootni Kamaal Hasan Zakkaariyaa, Amahaa Shibbiruu fi Biiniyaam jedhaman
jiraattota Magaalaa Adaamaa fi Magaalaa Sabbataa yemmuu ta’an konkolaataa manaatiin magaalaa Jimmaa dhufanii gaafa guyyaa 18/5/2014 miidhamaa dhuunfaa obbo Ismaa’el Nuuraa jedhamuun nuti keessummaadha, bakka deemnu wallaalle waan ta’eef nutti agarsiisi jechuun gaafatani.
Bu’uuruma kanaan Ismaa’el gara namoonni kun barbaadanitti geesse. Sana booda meeshaa gatii rakasaan bitamutu jira jedhanii Obbo Ismaa’eliin sobanii gowwoomsanii qarshii Kuma 15 fi mobaayila 2 waliigala qarshii Kuma 20 fi 970 harkaa fudhatanii, sababa garaagaraa itti himuun gowwoomsanii miliquuf yaalanus tumsa namoonni naannoo sana turanii fi poolisoonni taasisaniin seensa karaa Aggaaroo deemu irratti qabeenya saaman waliin harkaa fi harkatti qabamanii too’annaa seeraa jala oolanii turani.
Bu’uuruma kanaan Poolisiin Aanaa 1ffaa fi Abbaan Alangaa Magaalaa Jimmaa qindoominaan qorannaa geggeessanii Mana Murtii Aanaa Magaalaa Jimmaatti himatni itti banamee ture. Manni murtiis ragaa namaan mirkaneessuun dhaaddacha yakkaa gaafa guyyaa 25/5/2014 ooleen yakkamtoota kanneen tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 2fi baatii 9 akkasumas qarshii kuma 3’n adabee jira.
Qabeenyi too’annoo seeraa jala oolee tures Obbo Ismaa’eliif akka deebi’ee kennamu murtaa’ee jira.
Abbaan Alangaa Magaalaa Jimmaa qaamolee yakkamtoota kana seeratti dhiheessuuf eeruu kennaniifi tumsa taasisan galateeffachuun, yakkoonni gowwoomsaa akkasii yeroo gara yerootti dabalaa waan jiruuf hawaasni keenya of eeggannoo taasisuu akka qabu dhaamaniiru.
Gochaan akkasii yoo mudate immoo ummanni hatattamaan qaamolee nageenyaatiif eeruu akka kennu hubachiisaniiru.
Hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjennaan yakka hojjatanii bahuun hin danda’amu! Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaa tu gabaase
Nu hordofaa:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UCIrX01_lArhwsjDrt6dl5-w